Kutaan Diinagdee Albuudaa Guddina Diinagdee Ityoophiyaaf Abdiidha – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Bara baajataa darbe Warqee Kiiloo Giraama kuma 9 fi 384.284 gabaaf dhiyaaterraa Galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71 ol argamuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksiise. 

Bara baajataa xumurame Warqeen Kiiloo Giraamni Kumni 8 fi 596 mala aadaan, Kiiloo giraamni 788.25 ammoo dhaabbilee oomisha Albuudarratti bobba’aniin oomishamuu Ministeerichi ibseera. 

Warqee alatti ergameerraa Galii Dooraara miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 37 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71.58 argamuu ibsameera. Gosa Albuudaa biroorraa Doolaara miiliyoona 19 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 10.42 argamuu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

See also  Loltoonni duraanii hawaasatti makamanii jireenya nagaa akka jiraatan mootummaan kutannoon hojjechaa jira-Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa

Leave a Reply