“ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa akka ba’uuf Wayyaaneen shira cimaa xaxaa turte” -Jaal Leencoo Lataa

Keessummaan keenya har’aa hayyuu Siyaasaa Jaal Leencoo Lataa Waaqayyoo yoo ta’an, gaafdeebii dhimmoota wayitiifi kanneen biroorratti isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineera. 

Bariisaa: Bara, bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Jaal Leencoo: Ani ALA bara 1943 abbaa koo Luba Lataa Waaqayyoofi haadha koo Aadde Hambisee Gorbaa irraan Oromiyaa Lixaa Magaalaa Dambi Dolloo mooraa Misiyoonii Ameerikaatti dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa 8fatti Mana Barumsaa Misiyoonii Ameerikaa Beetel Dambi Dolloottin baradhe. Barumsa koo sadarkaa lammaffaa kutaa 9fa hanga 12fatti ammoo Mana Barumsaa Misiyoonii ‘Mennonite’ baadiyyaa Adaamaatti baradhe. Yeroo ani barumsa koo sadarkaa tokkoffaa xumure manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Godina Wallaggaa afran (Qellem Wallaggaa, Wallaggaa Lixaa, Wallaggaa Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa) keessaa magaalaa Naqamtee qofatti argama ture. 

Adaamaatti kutaa 9fafi 10fa ergan xumuree booda Dambi Dollootti deebi’een waggaa tokkoof barsiiseen gara Adaamaatti deebi’ee kutaa 11fafi 12fa xumure. Qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii olaanaa galmeessisuudhaan akka biyyaatti lammaffaa ba’een Yunivarsitii Hayilasillaasee yeroo ammaa (Yunivarsitii Finfinnee) jedhamu seene. Yunivarsitii Finfinneetti waggaa tokko ergan baradhee booda ‘scholarship’ argadheen Yunivarsitii ‘Rochester’ Niiwu Yoorkitti waggoota afuriif barachuun ‘Keemikaal Injineeriingiidhaan’ eebbifameen gara biyyaatti deebi’een Warshaa Shukkaaraa Wanjii Shawaattin mindeeffame. Warshaa Shukkaaraa Wanjii Shawaa keessa waggaa tokkoof ergan hojjedhee booda Finfinneetti Dhaabbata ‘Institute of Ethiopian Standard’ jedhamutti mindeeffame. 

Bariisaa: Utuu hojiirra jirtanii akkamitti gara qabsootti seentan?

Jaal Leencoo: Yeroon barumsa koo sadarkaa tokkooffaa, lammaffaa akkasumas Yunivarsitii Finfinneetti barachaa ture biyyoonni hundinuu akkuma Itoophiyaati jedheen yaadaa ture. Ergan carraa barumsa alaa argadhee Ameerikaa deemee garuu Itoophiyaan biyya boodatti haftuu ta’uun hubadhe. Yeroon barumsa koo sadarkaa lammaffaa baradhu wantoonni gara siyaasaatti nama harkisan hedduu turan. Yeroo sana biyyoonni Afrikaa hedduun walabummaa gonfachaa turan. yeroo sana waa’ee birmadummaa biyyoota Afrikaa itti dhiyaannee hordofaa turre. Dammaqiinsi siyaasaas sadarkaa sadarkaadhaan guddachaa dhufe. 

Barumsaaf yeroon Ameerikaa, Niiwu Yoorkitti Obbo Ifreem Maammoofi boodarra Doktora kan ta’e Solomoon Gidaadaa wajjin wal arginee akkamitti biyyatti deebinee biyya ijaarra dhimma jedhurratti mari’achaa turre. Anis yeroon gara biyyaatti deebi’u sirni siyaasa biyyattii yeroo sanaa akka nu hinsochoofne naaf galee ture. Yeroo sana Baaroo Tumsaa waliin bakka tokkoo hojjechaa waan turreef wajjin mari’achuu jalqabne. Baaroo Tumsaa yeroo sana miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa ture. Isa booda ABO ijaaruurratti hojjechaa turre. Anis isatti dabalameen ABO ijaaruurratti hirmaadhee hojjechaa ture. Ani haala kanaanan gara siyaasaafi qabsootti seene.

Bariisaa: Erga gara siyaasaafi qabsootti seentanii haala kamiin socho’aafi qabsaa’aa turtan?

Jaal Leencoo: Baran nuti dardara turre siyaasa gara bitaa (Maarkisizummaafi Leeniinzummaa)tu hedduu faarfama ture. Barumsa koo digirii tokkoffaa xumuree xiqqoo akkuman tureen Veetinaam Ameerkaa injifattee turte. Nuti siyaasa gara bitaa kana yoo hordofne Oromoo bilisoomsuu ni danda’a yaada jedhuun siyaasa gara bitaa kana qorachuu, kitaabolee dubbisuufi waliin mari’achaa utuu jirruu mootummaan Hayilasillaasee kufee mootummaan Dargii aangoo qabate. Dargiinis siyaasa bitaa kana afarsa ture. Garuu garaasaarraa hinturre. Mootummaa Dargii mormuu kan nu dandeessisu dhaaba Oromoo (ABO) ijaarree Oromoo bilisummaa gonfachiisuurratti hojjechuu jalqabne. Utuman hojii siyaasaa kana hojjechaa jiruu waanan saaxilameef Finfinnee gad lakkiseen daggala seene. 

Ani ALA bara 1978 Finfinnee gadlakkiseen Dirree lolaa Harargee turetti makame. Harargeerraa miilaan Jibuutiin seenne. Jibuutiirraa ammoo Sudaan Kaartuumiin dhaqeen dirree Lixaa (Dhihaa) saaquurratti hojjechuu jalqabne. Yeroo sana qabsoon hidhannoo dhawataa baay’ee faarfama ture. Yeroo sana humnoota qabsoo hidhannoo akka gaariitti addeessan ‘Mao Tse-tung’ fi ‘Generaal Giap’ dubbisaa turre. Kanarraa ka’uudhaan nutis qabsoo hidhannoo dhawataa irratti bobba’uudhaaf dirree Lixaa saaqne. 

Qabsoo hidhannoo dhawataa kan jedhamu halaala ykn qarqara irraa gara walakkeessaatti taasifamuudha. Qabsoon magaalota xixiqqoorraa gara magaalota gurgoddoo dhuunfachuun dhumarratti mootummaa garagalchuuf taasifamu qabsoo hidhannoo dhawataa jedhama. Mootummaan Dargiis nuyiin ta’uu baatus qabsoo hidhannoo dhawataa kanaan galagalfame. 

Bariisaa: ABOn qabsoo hidhannoo taasisaa tureen akkamitti gara biyyaatti seene? Maaliifis deebi’ee biyyaa ba’e? 

Jaal Leencoo: Bara qabsoorra turre Wayyaanee wajjin walshakkii cimaa qabna turre. Akkasumas ta’ee hariiroo wajjin qabna turre. Nuti yeroo sana saba Oromootiif qabsoofna jenna Wayyaaneen ammoo Itoophiyaa guutummaadhaaf qabsoofna jedhanii waan deemaniif yaadni keenya walitti hindhiyaatu ture. Lammaffaa nuti warra gara Kaabaa jirurraa shakkii qabna. 

Waggaa 100 oliif nu bulchaa kan ture warra Kaabaati. Itoophiyaa hogganaa kan ture Amaara. Tigiroonni ammoo itti aananii dhufan. Dhumarratti gaafa Wayyaaneen ‘OPDO’ ijaaran balaaleffannee hariiroon keenya addaan cite. Shaabiyaa, mootummaan Sudaaniifi Ameerikaa garuu akka nuti Wayyaanee waliin waltaanuuf dhiibbaa guddaa nurraan ga’aa turan. Yoo Wayyaanee waliin mootummaa ce’umsaa ijaartan malee hariiroon keenya addaan cita nuun jedhan. Hunda caalaa kan dubbii nutti jabeesse mootummaa Sudaan kan yeroo sana Albashiriin hogganamaa tureedha. 

Albashir yeroo nuti walga’ii Landan turre nama nutti ergee “Yoo mootummaa ce’umsaa Wayyaanee waliin seenuu baattan biyya keenya hinseentan” nuun jedhe. Kanarraa ka’uudhaan warra achi jiru waliin mari’annee balaa jiruu wajjin Wayyaanee waliin mootummaa ce’umsaa seenuuf murteessine. Akkuma mootummaa ce’umsaa ijaarreen lolli waraana keenyaafi waraanasaanii gidduutti jalqabe. Erga guyyaa sanaatii hanga mootummaa ce’umsaa sana keessaa baanutti guyyaa tokkollee nagaa qabaannee hinbeeknu. Waraana keenyaaf waraanasaanii gidduutti lolli addaan utuu hincitiin ture. 

Wayyaaneenis dirqamanii nu waliin mootummaa ce’umsaa nu seensisaniif nuyiin Amaara doorsisuudhaaf ture. Amaarris yeroo isaan aangoo qabatan mormii tokkollee hinagarsiifne. Kan yeroo sana Wayyaaneedhaan mormu humna isaan waliin mootummaa ce’umsaa hundeesse ABO ture. Kanaafuu mala gara garaa baasanii akka nuti mootummaa ce’umsaa keessaa baanu taasisan. ABO keessas rakkoon hoggansaa waan tureef shira jarri hojjetaniif salphaatti saaxilamnee mootummaa ce’umsaa keessaa bane. Akkuma mootummaa ce’umsaa keessaa baaneen nuyifi Wayyaanee gidduutti lolli ijaaramaan itti fufe. Nus haala kanaan deebinee biyyaa baane.

Bariisaa: ABOn mootummaa ce’umsaa booda erga biyyaa ba’ee qabsoosaa haala kamiin itti fufe? 

Jaal Leencoo: Waraanni ABO keessumaa kallattii Bahaatiin jiru waraana Wayyaanee dandammatee irraa hafe. Waraanni keenya karaa Lixaa jiru ammoo akka jiru ni booji’ame ykn Sudaan seene. Kanaafuu karaa Lixaa deebinee qabsoo hidhannoo gad dhaabuun hindanda’amne ture. Nutis mootummaa ce’umsaa booda gara biyya alaa erga baanee qabsoo waraanaa caalaa qabsoo siyaasaarratti xiyyeeffannee hojjechaa turre. Yeroo sana haalli siyaasa Itoophiyaa, Gaanfa Afrikaafi addunyaas jijjiiramaa dhufe. Anis kanarraa ka’uudhaan ejjennoo keenya jijjiirree haala siyaasa yeroo waliin haa deemnu yaada jedhun barreesseen hoggantoota ABO biroofis dhiyeesse.

Hoggantoonni ABO yeroo sanaa garuu yaada koo fudhachuu didanii akkuma duraan mootummaa Dargii lolaa turanitti itti fufuu barbaadan. Kun ammoo dhaabicha keessatti waldhabdee uume. Haaluma kanaan ALA bara 1994 gara duraa hoggansa ABO irraa na ari’an. Ergasii boodas miseensa dhaabichaa ta’ee itti fufuudhaan yaada kiyya akka fudhataniif irratti hojjechaan ture. 

Bariisaa: Yeroo sana qabsoon ABO maalirraa garamitti akka fooyya’uuf yaada dhiyeessitanii turtan?

Jaal Leencoo: Yeroo sana qabsoon ABO waa lamaan akka fooyya’uuf yaada dhiyeesseen ture. Inni tokkoffaan ABOn yeroo sana qabsoo hidhanootiin deemna jechaa hoggansi qabsoo hidhannoo sana hogganaa hinturre. Mootummaa ce’umsaa dura akeekni nuti lafa keenye Walabummaa Oromoofi Oromiyaati. Walabummaan ammoo utuu ilaalluu hiikaa dhabaa dhufe. Kanaafuu sana dhiifnee Federeeshinii Sabdaneessaa dimokiraatessuurratti haa hojjennuu yaada jedhuun lafa kaa’e. Akeekiifi akkaataan itti qabsoofnu jijjiiramuu qaba yaada jedhuun dhiyeessee ture. ABOn garuu yaada koo kana fudhachuu dide. Ammayyuu akkaataa itti hoggansi ABO qabsoo geggeessaa jiru ifaa miti. Nuti yeroo walabummaa Oromootiif qabsaa’aafi hojjechaa turre Oromoo walaboomuu qaba jennee lallabaa turre. Akeeki qabsoo keenya yeroo sanaa walabummaa Oromoofi Oromiyaa ture.

Akeeka qabsoo ABO mootummaa ce’umsaan booda isuma duraatti jiraafi waan biraatti jiraan isaa utuu ifa hinta’in har’a ga’e. Ammas taanaan qabsoo hidhannootiin deemna kan jedhan ABO keessa jiru. Lakkii qabsoo hidhannoo dhiifnee karaa nagaa qabsoofne mirga keenya kabajchiifanna warri jedhanis jiru. Kun ammallee adda hinbaane. ABOn har’a akka arginutti madda yaadi siyaasasaa ifu ta’uu dhiisee madda dhama’iinsaa ta’ee jira.

Bariisaa: Isin hanga yoomiitti miseensa ABO taatanii qabsaa’aa turtan? Miseensummaa dhaabichaa keessaa maaliif, akkamitti baatan? 

Jaal Leencoo: Ani ALA hanga bara 2010tti miseensa dhaabichaan ture. Hogganaa dhaabichaa yeroo sanaa har’aa eegalee dhaabicha keessaa si geggeessineerra jedhee xalayaa narratti barreessinaanan miseensummaa dhaabichaa keessaa ba’e. Hanga guyyaa sanaatti falmiin anaafi hoggantoota dhaabichaa gidduu turus miseensa ta’ee falmiikoo itti fufuun barbaadan ture. Kun sirna siyaasaa yeroo sana ittiin ijaaramneenis ni danda’ama ture. Anis kanarraa ka’uun kitaabota sadii barreesseera. 

Kitaabni koo tokkoffaan ammaan booda ABOn walabummaaf hojjechuurra Federeeshiniin sabdaneessaa kun akka dimokraata’u irratti xiyyeeffatee yoo hojjete wayya yaada jedhurratti xiyyeeffata. Kitaabni koo inni lammaffaan hireen murteeffannaa jijjiiramaafi hiika garagaraa qabaachaa akka dhufe kan hubachiisuudha. Kitaabni koo sadaffaan dhimma nageenya eegsisuufi mirkaneessuurratti kan xiyyeeffatu ture.

Bariisaa: Miseensummaa ABO keessaa erga baatanii maal hojjechaa turtan?

Jaal Leencoo: Yeroon miseensummaa dhaabichaa keessaa baafame dhibdee qalbii guddaatu narra ga’e. Jireenyakoo guutuu qabsoo Oromoorratti dabarsee amma akkamittin harka koo maradhee taa’a yaadni jedhu waan na dhiphiseef namoota yaadaan walfakkaanu waliin walitti dhufnee mari’annee Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessine. ADOn ABO irraa waanti adda godhu akeeka beekamaadhaaf qabsaa’a. Innis Federeeshiniin Sabdaneessaa akka dimokiraata’u taasisuu yoo ta’u, kunis hidhanoodhaan utuu hintaane karaa nagaafi falmiidhaan geggeessuudha ture yaadni ADO.

ADOn Ameerkaafi Awurooppaatti ijaarame. Miseensonni dhaabichaas Ameerikaafi Awurooppaadha kan jiran. Garuu yaadni addichi wixineesse biyya seenee yaada hoggantoota ‘OPDO’ waan jijjiirsise natti fakkaata. Isaanis Federeeshinii Sabdaneessa dimokiraatessuuf qabsaa’uutti cillaaffachuu jalqaban. Kun ammoo jijjiiramni biyya keessatti akka dhufu taasiseera. Jijjiirama dhufeenis dhaabota siyaasaa biroo dura kan biyya seene nuyidha. 

Bariisaa: Bu’aa qabsoon ABO ummata Oromoof argamsiise akkamitti ibsitu? 

Jaal Leencoo: Qabsoon dhaabichaa bu’aalee gurguddoo argamsiiseera. Sadarkaa duraarratti naannoon Oromiyaa jedhamu kan Oromoo akka ta’e maddisiisuufi fudhachiisuun salphaa hinturre. Har’a kun fudhatameera. Lammaffaa Afaan Oromoo qarqara du’aa ga’ee ture yeroo ammaa Afaan hojii mootummaa, barnootaa, murtii seeraa ta’uunsaa qabsoo ABOtiin bu’aa argameedha. Yaada Federeeshinii Sabdaneessaa kanas kan lafa kaa’e ABOdha. Dhaabichi karaa qabsoo hidhannootiin hedduu hinmilk’uu baatus karaa qabsoo siyaasaatiin baa’ee milkaa’eera. ABOn yaada qabsoo siyaasaa kana maddisiisus hojiirra kan kan oole karaa OPDOtiini. Kanaafuuu injifannoo ODPn galmeessise akka injifannoo keenyaatti fudhanna. 

Bariisaa: Garaagarummaa moot ummaa ADWUIfi mootummaa Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu gidduu jiru akkamitti ibsitu?

Jaal Leencoo: Mootummaa EPRDF keessatti olaantummaa Wayyaaneetu calaqqisaa ture. Mootummaan Wayyaanee caasaadhaan federeeshinii fakkaatus hojiidhaan mul’isuun rakkoo guddaa qaba ture. Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu kun garuu federeeshiniin dhugoomuu danda’a jedheetan eega. 

Yeroo ammaa qabsoo qara sadii qabutu Itoophiyaa keessatti deemsifamaa jira. Qarri inni tokko sirna mootummaa tokkee (Unitarist) ALA bara 1991 dura ture deebisuudhaan biyya saba tokkoo haagoonu qabsoo jedhuudha. Qabsoo kana kan gaggeessan maqaa Itoophiyaa jedhutti fayyadamu. Qarri inni lammaffaan ammoo federeeshiniin kun akka jirutti ta’ee garuu dimokiraatawaa ta’uu qaba qabsoo jedhuudha. Qarri sadaffaan adda baanee biyya keenya walaboomsina malee Itoophiyaa keessatti furmaanni ummata keenyaa hinargamu jechuun qabsoo geggeeffamaa jiruudha. Kana keessaa tokko ABOdha. 

Mootummaan biyya bulchaa jiru kun qabsoowwan sadan kana keessaa kamii wajjin akka jiru akka gaariitti adda hinbaafne. Ani garuu filmaata biraa qaba natti hinfakkaatu. Mootummaan kun federeeshinii sabdaneessa dimokiraatessuurratti xiyyeeffachuusaa hinhafu jedheen yaada. Mootummaa ‘EPRDF’ booda jijjiiramoonni hedduun mul’ataniiru. Paartiin ‘EPRDF diigamee paartii Badhaadhinaatiin bakka bu’uun jijjiirama guddaadha. Humnoonni siyaasa gara garaa goolessistoota ta’uunsaanii irraa haqamee biyyatti deebi’anii qabsoo karaa nagaarratti akka hirmaatan ta’uun jijjiirama biraadha. Filannoo biyyaalessaarratti injifatamanis mootummaa keessatti qooda akka fudhatan taasisuun jijjiirama haaraadha. 

Bariisaa: Rakkoolee mootummaa biyya bulchaa jiru mudataniif kun mala furmaataa ta’a kan jettan yoo jiraate?

Jaal Leencoo: Mootummaan kun yeroo hedduu rakkisaa keessatti aangootti dhufe. Rakkooleen kuufamaa kuufamaa dhufan hedduun mootummaa kana quunnamaniiru. Lolli karaa Kaabaa adeemsifamaa jirus waan haaraafi dursee itti hin yaadamneedha. Weerarri Kovid-19fi hoomaa awaannisa gammoojjiis biyyattiitti mudates mootummaa kanaaf didhaa guddaadha. Mootummaan kun qarawwan qabsoo sadan irranatti eeraman (ejjennoowwan sadan) keessaa gama kam akka jiru akka gaariitti taliilessee ykn ifa godhee lafa kaa’uu qaba.

Bariisaa: Gocha TPLF yeroo aangoorra tureefi amma raawwataa jiru akkamitti ibsitu?

Jaal Leencoo: Kanarratti yaada baay’ee hinqabu. Garuu lolaan ni furama jedhee abdii guddaa hinqabu. Yoomiifi haala akkamii isa jedhuudha malee waliin mari’achuun dirqiidhuma ta’a. Lolli kun akka amma jirutti itti fufuun waan danda’amu natti hinfakkaatu. Lolli barbadeessaadha. Lolli waan hamaadha. Lola barbaaddee miti ati kan itti seentu. Lolatti kan seentu yeroo dirqii ta’u qofaadha. Lolli kun dafee xumuramuu baannaan rakkoolee gara garaa maddisiisuu mala. Keessumaa rakkoo dinagdee cimaa fida sodaa jedhun qaba. 

Bariisaa: Wantoonni madda rakkoo walitti bu’iinsaafi nageenya biyyattii ta’an maalfaadha? Kanaaf ammoo maaltu furmaata ta’a jettanii yaaddu?

Jaal Leencoo: Humnoonni Kaabaa hundi biyya kana bulchuu kan qabu humna Amaaraa ykn Tigiree keessaa ba’e jechuurratti walta’u. Humnoonni lamaan wantoota baay’eerratti walmormu garuu biyyattii kan bulchu kan qabu humna isaan keessaa ba’e ta’uurratti waliigalu. Garee isaanii lamaaniin ala namni Itoophiyaa bulchuu danda’u jira jedhanii hinamanan. Mootummaan amma aangoorra jiru kun ammoo qabsoo Qeerroofi Qarree Oromootiin dhufe. Kan amma biyya bulchaa jirus Oromoodha. Humnoonni lamaan wantoota biroorratti wal haadhaban malee biyya namni saba Oromoo keessaa dhalate bulchaa jiru akka fashalooftu taasisuurratti waliin hojjechaa jiru. 

Maddi rakkoo Itoophiyaa inni guddaan walqixxummaan sabootaa dhabamuudha. Walqixxummaan sabootaa jiraatu maleemmoo tokkummaan dhugaa dhufuu hindanda’u. 

Bariisaa: Waliigalteen biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu haala kamiin adeemsifamuufi eenyufaa irratti hirmaachisuu qaba? Waliigaltichi bu’aa akkamii fiduu danda’a jettu?

Jaal Leencoo: Humnoonni sirna Itoophiyaarraa dantaa qaban baay’eedha. Yeroo baay’ee sirna Itoophiyaarraa dantaa kan qaban warra siyaasaan ijaaraman akka ta’anitti ilaalla. Hojjettoonni, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaafi kanneen biroonins sirna biyyattiirraa dantaa qabu. Waliigaltee biyyaalessaa kana dhugoomsuuf humnoonni kun hundiifi mootummaa keessaas namni itti dabalamee marii yeroo dheeraa gochuun barbaachisaadha. Mootummaan qooda fudhachuu malee waliigaltee biyyaalessaa kana kan hogganu yoo ta’e rakkoo ta’a. Yoo mootummaan waliigalticha kan hogganu ta’e aangootu itti dabalama. Waliigalticharraa wal hubannoon saboota Itoophiyaa hundaa waltaasisu ni madda jedheen abdadha. 

Waliigaltichi hanga waggaa shanii nufixus gad teenyee mari’annee wantoota bu’uuraarratti walta’uutu barbaachisaadha. Wantoota bu’uuraa yeroon jedhu Itoophiyaan biyya akkamiiti kan jedhurratti walta’iinsa hinqabnu. Afaan kamiin hojjetamuu qaba kan jedhurratti walta’iinsa hinqabnu. Kan biraa hafee alaabaa biyyattiirrattilee walta’iinsa hinqabnu. Seenaa irratti ammoo waldhabdeewwan gurguddoo qabna. Wantoota bu’uuraarratti waliigaluu baannaan akka biyyaatti waliin turuun hedduu sodaachisaa ta’a jedheen amana. 

Waliigaltee biyyaalessaa kanarratti namoonni dhimmi siyaasa Itoophiyaa ilaallatu hundi irratti qooda fudhachuu qaba kan jedhu amanna. Ana qofaa mitii gareen wajjin hojjedhu ‘Ethiopian War Inclusive Dialoge’ biras amantii akkasiitu jira. Sadarkaa kamiifi akkamitti qooda fudhachiifnaan garuu haala ilaalameetu godhama. Garuu warri qawweedhaan deeman jedhanis, miseensonni paartiilee siyaasaa hidhamanis warri hanga ammaatti mataa gad qabatanii jiran hundi waliigaltee biyyaalessaa kanarratti qooda fudhachuu qabu jedheen amana. 

Waliigalteen biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu yoo akka gaariitti adeemsifame biyya saboonni Itoophiyaa hundirratti walta’an hundeessuu danda’a. Hanga ammaatti saboonni biyyattii waltaanee hinjirru. Waliigaltee biyyaalessaa kanarratti yoo sirriitti hojjetame dimokiraasiin dhugaatti ummaticha qooda fudhachiisu ni dhalata, sirni dimokiraasii biyyattii keessatti akka hojiirra ooluufis karaa saaqa jedheen amana. Waliigaltichi Itoophiyaa haaraa saboonni biyyattii hundi irratti walta’an ni ijaara jedheen abdadha. Waliigaltichi rakkoo nageenyaa biyyattii ni fura, sirna hunda gammachiisu akka jiraatu ni taasisa jedheen amana. 

Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa gabaa baatti akkamitti ibsitu?

Jaal Leencoo: ABO gaafa ijaarru sadarkaa lamatti ijaarra. Sadarkaa jalqabaarratti wantoota ifatti hojjechuu dandeenyu ifatti hojjenna. Sadarkaa biraan ammoo waan icciitiidhaan hojjennu ni hojjenna. Siyaasa biyyattii ilaallee hojjenna. Dargiin Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Haaraa baasuudhaan Afaan hundinuu walqixa jedhee labsee ture. Nutis kanatti fayyadamuudhaan Gaazexaa Bariisaa hundeessinee hojjechuu jalqabne. Yeroo sana gaazexaan walaba ta’e biyya kanatti hinbeekamu. Yeroo duraatiif gaazexaan of danda’ee ajaja mootummaa malee buluufi walaba ta’e Gaazexaa Bariisaa hundeessine. Yeroo sana Gaazexaa Bariisaa kuma 30tti hiiqu maxxansaa turre. 

Mootummaan Dargii boodarra gaazexaa kana nurraa dhaalee akka hinjiraanne, akka hinduunes godhee jiraachisaa ture. Erga mootummaan Dargii kufees gaazexaan kun gaazexaa mootummaa ta’ee itti fufeera. Gaaxezaa kana itti fuftanii akka jajjabeessitan abdiin qaba. 

Bariisaa: Gara fuulduraatti maal hojjechuu barbaadu?

Jaal Leencoo: Ani yeroo ammaa miseensa paartii siyaasaa kamiiyyuu miti. Falmii Siyaasaa keessaa of baasee soorama ba’eera. Ammaan booda hojii jaarsummaan hojjechuu barbaada. Galatoomaa!

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

DONATE US – ቢረዱን አስፍተን ለመስራት አቅም ይፈጥሩልናል

About topzena1 2656 Articles
A journalist

Be the first to comment

Leave a Reply