Godina Harargee Bahaa Magaalaa Baabbileetti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu to’atamuu Poolisiin Godinichaa beeksiise.Naannoo Somaalee ka’uun karaa faqii jedhamuun darbuuf wayita socho’aa ture Poolisii magaalaa Baabbileen to’atamuu Qindeessaan Diivizyiinii Kominikeeshinii fi Miidiyaa Poolisii Godinichaa Inispeektar Tolasaa Goshuu Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Meeshaaleen garaagaraa Birrii miiliyoona 4.1 olitti tilmaamamu to’atamuu ibsaniiru.Konkolaachisaan meeshaalee kanneen fe’ee imalaa ture to’atamuun qorannoo irratti gageeffamaa jiraachuu himaniiru.Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

ፋና

Leave a Reply