Site icon ETHIO12.COM

“Rakkoo nageenyaa Itoophiyaatti uumamaa jiruuf sababoota sadiitu jiru” – Obbo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir

Waasihun Takileetiin

 Finfinnee: Rakkoo nageenyaafi raafama siyaasaa Itoophiyaa mudataa jiraniif hudhaaleen sadii akka sababaatti kan ka’an ta’uu jaarsi araaraafi nageenyaa akkasumas ogeessi seeraa Obbo Abbbaa Biyyaa Abbaa Joobir ibsan.

Akka ibsasaaniitti:

– Murna walqixxummaatti hinamanneefi natu sii beeka jedhutu jira. Murni kun hariiroofi tokkummaa sabootaafi biyyaaf balaadha. Ilaalchi kun balaafamaa waan ta’eef mootummaan cimsee irratti hojjechuu qaba.

– Hudhaan lammataa sabboonummaa amantiin kiyyatu caala jedhamuufi amantaafi siyaasa walitti hidhuuf yaaliin taasifamu hudhaa dabalataa Itoophiyaanota qoraa jiruudha.

– Akkuma sabaafi sablammiin Itoophiyaa 83 ol ta’e amantiifi gosoonni garagaraas ni jiru. Hariiroo waliin jireenyaa keessattimmoo amantii walii kabajuun gaddaafi gammachuu waliin hirmaachuun tokkummaaf murteessitoota.

Ilaalchaafi maqaan gargar ta’u dhalli namaa marti Rabbi tokkicha amana. Dhimma nageenyaa biyyaarratti Kiristaannis, Islaamnis, waaqeffataanis, Kaatoolikiinis akkasuma warreen biroo waliin ta’anii kadhata taasisuun rakkoo hinqabu.

Abbootiin amantii kiristaanaa gorsa wangeelaa, Islaamni gorsa Quraanaa duuka buutotasaanii barsiisuun nageenya buusuu qabu.

Kun ta’uu osoo maluu sagalee Rabbii ykn Waaqaa barsiisaaa harka biraatiinimmoo siyaasa baachuun egeree biyyaatiif balaa waan ta’eef amantiifi siyaasni walitti hidhamuun hariiroo waloo obbolootaa diiga.

– Hudhaa sadaffaan rafama siyaasaa Itoophiyaaf sababa jedhanii kaasan dinagdeen walmadaaluu dhabuu lammiilee yoo ta’u, hannaafi saamicha qaqqabaa tureen walqabatee namoota dur sadarkaa tokkorra jiran gidduutti garaagarummaa dinagdee jiru saalfachiisaadha.

– Kaan halkan tokkotti gamoo abbaa darbii kudhanii ijaaree wiirtuu dinagdee of harka galchee wayita socho’u kaanimmoo waan nyaatu dhabee gamoo namaa jala laastikii uffatee rafa.

– Qaamni karaa qaxxaamuraa dinagdeedhaan of ijaare kun siyaasa biyyaa raasuu deeggartoota kumaatama horachuu dandaha. Garaagarummaa gama kanaan jiru qorannaan adda baasuun barbaachisaadha.

– Gochi akkanaa Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii hundatti babal’ateera. Isa kanaafimmoo mootummaan hawaasa wajjin ta’uu rakkoo dinagdee mudachaa jiru kanaaf furmaata kennuu mala.

– Qabsoon hattuufi saamtuurratti taasifamus xiyyeeffannoo argachuu baannaan siyaasa biyyattii gara barbaadetti naannessuu waan dandahuuf cichamee irratti hojjetamuu qaba.

– Itoophiyaa har’aa ilaalcha dulloomaa darbeen ijaaruun hindandahamu. Mootummaan hudhaalee raafama siyaasaa Itoophiyaaf sababa ta’an ilaalcha walqixxummaatti amanuu dhabuu, sabboonummaa amantiifi siyaasaan guutame akkasumas gargaarummaa dinagdee hannaafi saamichaan lammiilee gidduutti daangaa uumerratti hojjechuun barbaachisaadha.

– Jaarsoliin biyyaas ta’an abbootiin amantii akkaataa duudhaan, Wangeelliifi Quraanni gorsaniin raafamicha tasgabbeessuuf kadhachuu, humna qabaniinimmoo araara buusuuf abbummaan hojjechuu qabu.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Exit mobile version