Site icon ETHIO12.COM

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii Miiliyoona 44 Olitti Tilmaamamu To’atame

Adoolessa 1 hanga Hagayya 27, 2013tti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 44 olitti tilmaamamu to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise. Meeshaaleen kunneen gara alaatti ba’uu fi biyya keessa galuuf wayita socho’an to’atamuu ibsameera. 

Meeshaaleen seeraan ala gara biyya keessa galuuf turan Birrii miiliyoona 38 fi kuma dhibba 9 fi kuma 64 olitti tilmaamamu yoo ta’atamu, kan gara alaa ba’uuf ture Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 3 fi kuma 83 ol baasu to’atamuu ministeerichi ibseera. 

Maallaqoonni biyyoota alaa, Warqeen, Maashinni warqee baasu, uffataleen garaagaraa, Kopheen, meeshaaleen nyaataa, meeshaaleen waraanaa, elektirooniksii, qaamni jijjiirraa konkolaattootaa fi qorichoonni hedduminaan kan keessatti argaman ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.

FBC

Exit mobile version