Site icon ETHIO12.COM

Injifannoon Baahaa Fi Lixaatti Argamee Giddugala Biyyatti Akka Irra Deebi’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Himan

 Injifannoon Baahaa fi Lixaatti argamee giddugala biyyatti akka irra deebi’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himaniiru.

Muummeen Ministiraa kana kan dubbatan adda waraanaa ijoo sadaffaatti argamuun raayyaa ittisa biyyaa waliin wayita mari’atanittidha.

Oppireeshinii tibbana taasifameen dabalataan magaaloonni humna shororkeessaa ABUT qabaman bilisa akka ba’an kan ibsan yoo ta’u, gareen kun meeshaalee waraanaa kamiyyuu fudhatee akka hin baane ummanni gurmaa’ee hambisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Muummeen Ministira diinni diigameera, bittinna’eera kan jedhan yoo ta’uu, filannoon diinni yeroo amma qabu meeshaa harka jiru laatee harkasaa akka kennuu himaniiru.

Diinni kan hate laatee harka yoo kenne kunuunsii taasifamuufin  aadaa gootummaa keenyaati jedhan.

Bakka gareen shororkeessaa gadi lakkisee ba’etti yeroo gabaabaa keessaatti bulchiinsa hundeessuun akka barbaachisu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hubachiisaniiru.

Ityoophiyaanonni tokko ta’aniiru.raayyaan ittisa biyyaas haamilee cimaa akka qabu ibsaniiru.

Hawaasnis deeggarsa hanga ammaatti taasiseef kan galateffataniiru.

Oduu ololaa osoo hin dhaga’iin, tokko taanee biyya eenyuyyuu hin tuqne dhaloota dhufuuf dhaalchisuu qabna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Exit mobile version