Site icon ETHIO12.COM

Qaamni hidhatee bosona jiru waamicha abbootii Gadaa kabajee hawaasatti deebi’uu qaba jedhame

SAMSUNG CAMERA PICTURES

Abbootiin Gadaa Sikkoo- Mandoo dargaggoota Godina Arsii miseensa Shanee ta’anii bosonatti galuun diina waliin turan dhiifama gaafachuun hawaasatti makamuu akka qaban Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa ibsan.

Abbaa Gadaa Goobana ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qaamni mufatee daggala jiru wayita waamichi taasifamuufi hawaasatti makamu adeemsa Sirna Gadaa kan hordofe ta’uu qaba. Sirni Gadaa qaamota mufatanii daggala jiran maaliif akka bahan, dhuguma miseensa qaama mufatee ba’ee ta’uusaaniifi qalbii jijjirachuusaanii mirkaneessuun hawaasatti makamuu qabu.

Akka Sirna Gadaattii waraanni wayita hawaasatti makamu Haadha Siinqeerratti waraana hiikkateeti kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan, gareen kun ajjeesaa waan tureef hayyuu Gadaatti ergamee gorfamuun akka lamuu gara badiitti hindeebineef korma qalanii dhiigaan dhiquun badiinsaa akka irraa haxaawamu taasifama. Dargagoonni qaama hidhatee bosona jiru waliin jiran hawaasatti makamuuf adeemsa Sirna Gadaa hordofuun galuu akka qabanis himaniiru.

Abbaan Gadaa Darraa Kadir Abdinnaa gamasaaniitiin, yeroon kun yeroo Oromoon haala ajaa’ibsiisaadhaan biyyattii hogganaa jiru waan ta’eef Oromoon tokkummaa, waldanda’uufi walijaaruu qaba jedhan. Kallattiin qabsoo qaamota bosona jiranii kan Oromoo ceesiisu waan hintaaneef akka hawaasatti makamaniif dhaamsa dabarsaafii jiraachuu dubbataniiru. Dhalatoonni Oromoo biyyoota alaa garagaraa taa’uun olola sobaa hafarsanis gochasaaniirraa of qusachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Abbootiin Gadaa Sikkoo-Mandoo qaamolee bosonatti galanii diina waliin dhaabbachuun Oromoon lolaa jiran kamuu guyyoota 15 keessatti waamicha Abbootii Gadaa fudhachuun qeerroofi qarree Sikkoo Mandoo duula birmaddummaa biyyaa kabachiisuuf hogganaa isaa faana hiriiree waliin gara adda waraanaatti akka duulu waamicha dhiyeessuunsaanii ni yaadatama.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Exit mobile version