Site icon ETHIO12.COM

Wareegamni Ajajni Kaaba Lixaa Adda Gaashanaatti Raawwate Bara Baraan Ni Yaadatama-Jeneraal Birhaanuu Juulaa

Wareegamni Ajajni Kaaba lixaa Adda Gaashanaatti raawwate bara baraan ni yaadatama jechuun Etaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Jeneraal Birhaanuu Julaan ibsaniiru.

Adda waraanaa Gaashanaatti raayyaa ittisa biyyaaf sagantaan galateeffannaa kan qophaa’ee yoo ta’uu, gareen shororkeessaa ABUT baatiiwwan shaniif iddoo ijoo kan taatee Gaashanaa to’atee wayita tureetti uummatarratti ajjechaa fi miidhaa garaagaraa qaqqabsiisuu Jeneraal Birhaanuu Julaan himaniiru.

Gootichi raayyaa ittisa biyyaa haleellaa qinda’aa raawwateen gareen shorkeessaa ABUT rukatamuun gara Maqaleetti baqateera jedhan.

Sagantaa galateeffannichaarratti kan argaman Jeneraal Birhaanuu Juulaan, ajajichi aarsaa kaffaluun dirqamoota garaagaraa ba’uun duula haleellaa garee ABUT irratti fudhateen da’aannaa diinaa barbadaa’uun, kanneen keessaa da’aannawwaan Gaashanaa fi Haamuusiit ni eeramuu jedhaniiru.

Gareen kun waggoottan darbaniif sobaan jiraataa turee injifatamuusaa fudhachuu hin dhadhabuun haleella walfakkataa ummattoota Tigraayiirratti raawwata jira jedhaniiru.

Nageenya hin barbaduu jechuun haleellaawwan itti fufiinsaan raayyaa ittisa biyyaa fi uummatarratti gochaa badii fi gara jabinaa kan raawwatee gareen kun, dargaggoota naannoo Tigraay fixuun hojii gara jabinaa isaa muuldhiseera.

Kun injifannoo xumuraa miti kan jedhaan Jeneraal Birhaanuu Juulaan, raayyaan ittisa biyyaa nageenya uummattoota fi Ityoophiyaa ni eegsisaa jedhaniiru.

Sagantaa galateeffannaa kanarratti kan argaman Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa, garee shororkeessaa ABUT’tiin weeraramanii kan turean iddoowwan naannoo Amaaraa aarsaa isiin kaffaltaniin bilisa ta’eera jedhan.

Kanaafis maqaa koofii uummattoota naannoo Amaaraatin isiin galateeffannaa jedhaniiru.

Saganticharratti ajaja olaanaan Kaaba Lixaa Letinaal Jeneraal Geetaachoo Guddiinaa dabalatee ajajoonni olaanoo biroon, jaarsoliin biyyaa fi arstistoonni argamaniiru.

Maaniyichil Azaazaawtu gabaase Via – FBC

Exit mobile version