Site icon ETHIO12.COM

Mariin Tokkummaa Adeemsa Duula Birmadummaa Keessatti Argame Badhaadhina Hundagaleessa Ityoophiyaaf Oolchuuf Dandeessisu Gaggeeffamuu Eegale

Hoggantoonni hojii mootummaa Federaalaa olaanoon haala waqtaawaa biyyarratti guyyaa mari’ata jiru.

Mootummaan dirqamaan kan itti seenee waraanaa birmadummaa boqonnaa jalqabaa injifannoo xumuruu hordofee, injifannoon hunda galeessaan argamee eeguun nageenyaa waaraa gara misoomaatti ceesisuurratti kan xiyyeeffatee mariin gaggeeffameera.

Injifannoo argamee hordoofee qormaatilee  siyaasaan, diinagdee, namoomaa fi nageenyaa dhufuu danda’aan dandeettiin furuu fi sirnaan hogganuun xiyyeeffannoo walqixaa ni argatu jedhameera.

Tokkummaan biyyoolessaa adeemsa waraanaa birmaddummaa keessaatti argamee muuxannoo gurmaa’insaan hojjechuu, kayyoo tokkoof waloon hojjechuu, murannoo hirmaannaa hunda galeessaa hoggansaa, badhaadhinaa hunda galeessaa Ityoophiyaa bifa eeguuf danda’amuurratti hoggansi olaanaa gadi fageenyaan ni mari’atan eegama.

Marichi walitti fufuunsa guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarra argamee ni muul’dhisa. via FBC

Exit mobile version