Site icon ETHIO12.COM

MNO, Dargaggoota Oromoo Dogoggooraan Shaneetti Makamaniif Waamicha Dhiyeesse

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggoonni Oromoo karaa dogoggoraan farrummaa garee shororkeessaa shaneetti osoo hin hubatiin itti makaman hundi karaa nagaan harka akka laataan  waamicha dhiyeessera.

Guutuun ergichaa akka armaan gadiin dhiyaateera:-

Humni shoroorkeessaa Shaneen kaleessaa hanga har’aatti caba siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummata Oromootiif sababa ta’uurraa kan hafe akeekaa fi kaayyoo siyaasaa dantaa saba bal’aa milkeessuu danda’u qabatee yeroon mul’ate tokkollee hin jiru. Maqaa jaarmiyaa maayii hin baasne kanaan eenyummaafi kabajni namoomaa  ummata  Oromoo  sarbamaa turee jira. Gaafa sabni bal’aan qabsoo farra cunqursaatiif isa waammatu hin birmanne; har’a yeroo Oromoon wareegama qaalii kaffaleen ulfina isaaf malutti imalaa jirutti shaneen warra gumaa waliin hiriirtee ummata Oromoo cabsuuf akeeka baandummaa ishii ifatti nutti agarsiiste. Kaleessa sababa isaatiin, har’a ammoo gochaa farrummaa inni raawwatuun ajjechaa fi salphinni Oromoodhaaf hin malle irratti raawwataa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa saba guddaa kanaaf aadaa siyaasaa ammayyaa’aa wal-hubannaa bu’uureeffateetu mala jechuun  humna shororkeessummaa filate kana daandii nagaatti deebisuuf yaaliin  hin taasifne hin jiru. Ulfina saba bal’aaf jedhamee kadhaa fi sosobbii yeroo garaagaraatti taasifame kana fudhachuun karaa nagaatti deebi’uurra, inumaayyuu humni kun dinoota kaleessa Oromoo salphisan waliin hiriiruun  uumama gantummaa fi baandummaa isaa ifatti nutti agarsiisee jira.

Dargaggoonni baay’een akeekaa fi kaayyoon shanee Oromoo salphisuu akka ta’e dursee galuufii isaatiin jaarmiyaa badii kana dursanii kan gadhiisan yommuu ta’u, kanneen hafan garuu yeroo humni kun warra gumaa- TPLF waliin hiriiruu isaa argan  hirmii baafatanii karaa adda addaatiin harka isaanii mootummaatti kennaa turanii jiru. Yeroo ammaa kanas waamicha Abootiin Gadaa dabarsaniin dargaggoonni lakkoofsi isaanii salphaa hin taane harka isaanii mootummaatti kennaa jiru.  Kanneen lakkoofsi isaanii xiqqaa hin jedhamne ammoo karaa humna nama nyaataa kana jalaa itti miliqan dhabdanii wareegama hin malle kaffallaa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa quba qaba.

Waan ta’eef, dargaggoonni Oromoo karaa dogoggoraan farrummaa garee shororkeessaa shanee otoo hin hubatiin itti makamtan marti, humna shoororkeessaa ummata Oromoo salphisuu malee kaayyoo biroo hin qabneef, umrii dargagummaa keessaniin hin taphatinaa. Dargaggummaan yeroo yaadaafi yaadama sirrii hordofnee egeree keenyaaf bu’uura cimaa itti keenyuudha. Kan isniif malu  wareegama hiika hin qabne osoo hin taane, qaama warraaqsa dinagdee Oromiyaa ta’uun Oromiyaa waliin badhaadhuudha.  Golli Oromiyaa bal’aadha. Mariif marabbaan waliigallee, humnaafi beekumsa qabnuun qixa sirriin hojjennaan, qabeenyi Oromiyaa ummata Oromoo qofa otoo hin taane Itoophiyaa irra darbee Gaanfa Afrikaa jijjiiruu danda’a.  Nageenyi waaraa bu’ee badhaadhinni ummata keenyaa akka hin dhugoomne kan nu danqaa jiru siyaasa jal’inaati. Kiyyoo siyaasa jal’inaa keessaa baatanii karaa nagaatti akka deebitan ammas irra deebiin waamicha isiniif dabarsa. Mootummaan Naannoo Oromiyaa   badii kaleessa balleessitan isin irratti hin laalu, gara-bal’inaan, miira jaalalaa fi obolummaatiin isiin simachuuf qophii dha.  Kanaaf, dargaggoonni garee shoororkeessaa shanee keessa jirtan caasaa mootummaa sadarkaan jirutti harka akka kennattan  waamicha isinii taasisa.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Amajjii 16, 2014

Exit mobile version