Site icon ETHIO12.COM

 Adwaa calaqqee bu’aa tokkummaa dhugaa

Akkuma quunceen waltaatee arba hiiti jedhamu oftuultota Xaaliyaanii Itoophiyaa koloneeffachuun harqoota gabrummaa ilmaan sabaafi sablammiitti fe’uuf meeshaa waraanaa ammayyaatiin of ijaaree Itoophiyaa weerare irree ummatoota biyyattii gamtoomeen hurreessuun waggaa 127 har’aa seenaan hindagatamneefi rirmi hin nyaanne halluu bara baraan calaqqisaa jiraatuun barreessaniiru.

Gootummaa abbootiin darban waraana Xaaliyaaniirratti osoo dhiiraa dubartii hinjedhiin agarsiisaniifi injifannoo isaan galmeessisan Itoophiyaa sirna kolonii Xaaliyaanii jalaa baraaruun ala adiin injifatamuu akka danda’u qabatamaan waan agarsiisaniif faajjii tokkummaa, gootummaafi bilisummaa gurraachotaa ta’uun maqaanshii leellifamaa dhalootaa dhalootatti darbaa jira.

Milkaa’ina injifannoo Adwaa Itoophiyaanonni oftuultota Xaaliyaaniirratti galmeessisaniif iccitii guddaan tokkummaa sabaafi sablammiileen duulicharratti agarsiisan yoo ta’u, garaagarummaa siyaasaa sirna aangoorra jiru wajjin ture booddeetti dhiisuun walabummaa biyyaa ormaan cabuuf ture qolachuun seenaa addaa hojjetaniiru.

Dhimmi walabummaa biyyaa kabachiisuu dhimma saba tokkoo osoo hintaane dhimma lammiilee hunda ilaallatu waan ta’eef qondaaltota waraanaafi waraanicha hoggananiin ala luboonnis wareegama addaa kaffalaniiru.

Gootonni biyyattii goleewwan afran biyyattiirraa babahan adda waraanaa tokkottti wajjummaan hiriiruun tokkummaafi bilisummaa biyyasaaniif wareegamaniiru. Akkuma namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamu jedhamu injifannichi kankooti kan abaluuti natu caalee hirmaate yaanni jedhu tokkummaa Itoophiyaaf balaa waan ta’eef iccitiin milkaa’inaa gurraachi adii itti jilbeeffachiise tokkummaa sabaafi sablammii ta’uun dhimma sirriitti hubatamuu qabuudha.

Har’as tattaaffii Itoophiyaa sabdaneettii ijaaruuf taasifamaa jiru milkeessuuf irree gamtoomeen tokkoomnee hiyyuma seenaa gochuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf garaagarummaan miidhagina; tokkummaan humna ta’uu beeknee wajjummaan dhaabachuu qabna, isa kanaafimmoo Adwaan fakkeenya guddaadha.

Akkuma Ministirri Muummeen jedhanittis, Itoophiyaan har’as ummatoonnishii hundi kaayyoofi akeeka tokkoof akka dhaabataniif barbaaddi. Hoggantoota, duultota, dugduubeewwaniifi bu’uurota. Kaayyoon keenya tokko; Itoophiyaa Afrikaatti gama hundaan badhaate taasisuu. Kanaafis Ulfina, garaagarummaa, komeefi lola keenyarra Itoophiyaan akka nuucaaltu hubachuun barbaachisaadha.

Yoo dhimmoota hedduun walfakkaachuu baannellee Adwaan halluufi boca kennee walnufakkeesseera. Wantoota hedduudhaan waliigaluu dhabuu dandeenya; Injifannoon Adwaa abbootii keenya duraanii waliigalchee oobdii tokkotti qabsoofsise akka waliigallu nutaasisuusaa hubachuun daran murteessaadha; Adwaan calaqqee bu’aa tokkummaa dhugaa kan jedhameef kanumaaf waan ta’eef.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Exit mobile version