Site icon ETHIO12.COM

Waamichi araaraa akka milkaa’uuf…

Waamichi araaraa qaama hidhatee bosona jiruuf ji’a tokko dura gama mootummaatiin taasifame lammiilee biyyattiitti keessumaa kanneen boora’uu nageenyaatiin miidhaa hamaaf saaxilaman bu’aa waamicha kanaa abdii cimaadhaan eeggachaa turaniiru, jirus.

Hayyoonni siyaasaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee jaarsoliin biyyaa darbees ummanni bal’aan Oromoo haala biyyi keessa jirurratti xiyyeeffachuun waamichi taasifame dafee hojiitti hiikamuu akka qabu cimsanii watwaataa jiru.

Keessumaa hayyuun siyaasaa Oromoo gameessi Jaal Leencoo Lataa turtii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, dhimma waamicha araaraa kana “Yeroo mootummaan waamicha araaraa taasiseefi simannaa qaama bosona jiruu wayitan dhaga’u gammachuu daangaa hinqabnetu natti dhaga’ame. Garuu waamichi dhiyaate qabatamaan hojiitti hiikamuurratti harkifachuun na yaaddesseera” jechuun ibsan.

Dhimmi araaraa kun walga’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Kibxata darbe adeemsifamerrattis irra deddeebiin ka’eera. Haalota kanneenirraa kan hubatamu egaa rakkoon dhabiinsa nageenyaa hammam ulfaataa akka ta’eefi waamichi dhiyaate harkifannaa keessaa bahee dafee gara adeemsa qabatamaatti ce’uun qilleensi nagaa akka bubbisu hawwamaa jiraachuudha.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis waltajjicharratti rakkoo kana hiikuuf baatiiwwan lamaan darbanitti gama mootummaatiin si’a 10 yaaliiwwan taasifamanillee gareewwan hidhatan haala bittinnaa’een waan socho’aniif adeemsa kanarratti rakkoo ta’uu eeran.

Humni nageenya jibbu akka hinjirreefi milkaa’inasaaf jabaatanii hojjechuun ejjennoo mootummaa ta’uus ni ibsu. Kanaafis akka paartiitti mari’atamee koreen pirezidaantii ittaanaa Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu hundaa’ee hojjechaa jiraachuu eeru. Fedhiin mootummaa humna kamuu wajjin mariifi marii qofaan rakkoo furuu ta’uus ibsan.

Egaa walajjeessuun eenyuyyuu waan hinfayyadneef inni waames ta’e inni waamame awwaachuun rakkoo jiru haalduree tokko malee gara mariitti fiduun nagaa ummanniifi biyyi hawwaa jiran dhugoomsuun dhimma daran murteessaa ta’eedha. Dhimmi waamicha araaraa kana dafanii hojiitti hiikuu kun biyyattiitti nagaa waaraa dhugoomsuuf akkasumas yeroo ummanni bal’aan mootummaasaa filate bira hiriiruun hojii misoomaasaa finiinsaafi nageenyi qe’eesaa akka mirkanaa’uuf watwaataa jiru kanatti faayidaa hedduu kan qabuudha.

Oromoonis akka Oromootti walta’ee milkaa’ina waamicha araaraatiif qoodasaa gumaachaa saboota biroo of cina hiriirsuun Itoophiyaan gaanfa Afrikaatti cimtuu taate akka uumamtuuf hojjechuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Exit mobile version