Site icon ETHIO12.COM

Raashiyaan Magaaloota Yuukreenirratti Haleellaa Misaa’eelaa Raawwachuu Aanga’oonni Yuukreen Ibsan

Raashiyaan Kiiyeviin dabalatee magaaloota Yuukreenirratti haleellaa Misaa’eelaa raawwachuu aanga’oonni Yuukreen beeksisan.

Haleellaa kanaan dhaabbileen humnaa barbadaa’uu ibsameera.

Bu’uuraaleen misoomaa murteessoo ta’an hedduun barbadaa’uu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Misaa’eeloonni Raashiyaarraa furgugaman 15 Magaalaa Kiiyev dabalatee kutaa Baha biyyattiitti miidhaa guddaa qaqqabsiisuu aanga’oonni Yuukreen eeraniiru.

Haleellaa kanaan hanga ammaatti lubbuun namaa darbe kan hin jirre ta’uu Al Jaziiraan gabaaseera.

FBC,

Exit mobile version