Site icon ETHIO12.COM

Magaalichatti Qaamolee Oomishaalee Xaafiifi Qamadii Kuusuun Qaala’iinsa Gatii Uuman Irratti Tarkaanfiin Kan Fudhatamu Ta’uu Ibsame

Magaalaa Finfinneetti qaamolee oomishaalee xaafiifi qamadii kuusuun qaala’iinsa gatii uuman irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan fudhatamu ta’uu Koreen tasgabbeessa gabaa magaalichaa ibse.

Ittaanaan Kantiibaafi Hogganaan Biiroo Hojiilee Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii magaalichaa fi Walitti qabaan Korichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay, oomishaaleen xaafiifi qamadii gahaan gara magaalichaa seenuu dhabuu hordofee hanqina oomishaafi qaala’iinsa gatii mudate tasgabbeessuuf bulchiinsi magaalichaa bajata ramaduun hojjechaa jiraachuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Yeroo ammaa naannoleetti oomishni xaafii gahaan jiraachuu naannoleerraa ragaalee walitti qabuu eeruun, yuuniyeenota hojii daldalaa qindeessuuniifi waldaalee waliin walitti hidhuun oomishni gara magaalaa akka seenu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Adeemsa oomishaalee xaafiifi qamadii gara magaalaa Finfinnee galchuu keessatti qamolee seer-maleeyyiin danqaan akka hin uumamneef  naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Kibbaa waliin waliigalteen taasifamuu eeraniiru.

Bu’uura waliigaltichaan hojiimaata seera qabeessa hordofee yuuniyenonni oomisha qabatanii akka seenan taasifamuu ibsuun, bifa kanaan guyyaa har’aa sadarkaa namoota dhuunfaatti oomishni gahaan Markaatoo seenuu addeessaniiru.

Kunis hanqina oomishaa mudate kan hir’isu ta’uu kaasaniiru.

Gama biraan guyyaa har’aa namoonni dhuunfaa daldaaltota oomishaalee kanneenii warreen hin taane man-kuusaa keessatti xaafii kuusuun argaman to’atamuu dubbataniiru.

Qaamoleen hanqina oomishaa uumuun karaa seeraan alaa gatii dabaluun oomisha gurguruuf socho’an jiraachuu eeruun, qaamolee kanneen irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan fudhatamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hordoffiin korichaan eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

FBC

Exit mobile version