Site icon ETHIO12.COM

Bilisummaan Jabaattee Itti Fufti-MM Abiy Ahimad

Ityoophiyaan gootota ijoollee isheen bilisummaadhaan jabaattee itti fufti jedhan Muummeen Ministiraa fi Ajaajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Abiy Ahimad.

Akkaadaamiin Loltummaa Ityoophiyaa qondaaltota kaadhimamtootaa leenjisaa ture mana Barnootaa Leenjii Konteenjantii Huursootti eebbisiiseera.

Muummeen Ministiraa fi Ajaajan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Abiy Ahimad sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin Ityoophiyaan gootota waan qabduuf bilisummaan jabaattee itti fuftee jiraatti jedhan.

Akkasumaas Ityoophiyaa badhaatee fi jabduu ijaaruun cimee akka itti fufu eeranii, qondaaltonni eebbifamtoonni , itti gaafatamummaa Ityoophiyaa cimtuu itti fufsiisuuf waadaa galan mirkaneessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Goota jechuun waadaa galeef kan wareegama kaffaluu ta’uu himanii, Ityoophiyaa kabaja ishee guutuun dhalootatti ceesisuuf qophii ta’uu barbaachisa jechuusaanii TOI gabaaseera.

Tooftaa loltummaa dabalatee dameewwan hundaan qophii fi gochaa guddummaa itti mul’ateen eebbaaf kan ga’an, bakka Hidhi Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa itti argamu moggaasa “Guubaa” jedhu kan qabu ta’uun eebbicha kan duraaniirraa adda taasisa jedhaniiru.

Qondaaltonni eebbifamtoonni, ofii isanii beekumsaan ga’oomsuun, tattaffachuun, barachuun, ammayyummaan, hojii fooyya’aaf ofii isaanii qopheessuuf akka tattaafatan hubachiisaniiru.

FBC

Exit mobile version