Site icon ETHIO12.COM

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu,

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu, Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Wal dhabdee fi rakkoo jiru karaa tasgabbii qabuun mariin furuun nageenya waaraa fiduufi deebisanii dhaaburratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu komiishiniin haaromsa biyyaalessaa beeksise.

Komiishiniin haaromsa biyyaalessaa bakka Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezdaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hooggansi olaanoo naannichaa argamanitti waajjira pirezidaantiitti mari’ate.

Komiishinarri Komiishinii haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, biyyattii keessatti qaamolee hidhatanii socho’aniin rakkooleen gara garaa akka mudatan dubbatan.

Rakkoolee mudatan kanneen karaa cehumsa haqaatiin furuun hojjetamaa jiraachuu himan.

Rakkoo fi wal dhabdee jiru bifa tasgabbii qabuun marii fi walii galteen furuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.

Biyyoonni gara garaa lolaa fi wal dhabdee mudate booda nageenya waaraa mirkaneessuun guddina dinagdee fi Hawaasummaa mirkaneessuuf deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffannoon hojjetu.

Biyyattii keessattis bara 1960 irraa eegalee yeroo 60 caaluuf yaaliin deebisanii dhaabuu akka adeemsifame ragaan Komiishinicharraa argame ni mul’isa.

Waggoota 2’n darban rakkoo nageenyaa mudateen biyyattii keessatti lammiileen qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’uun rakkoon Hawaasummaa fi dinagdee mudateera.

Rakkoo kanarraa hawaasa dandamachiisuuf Afriikaa Kibbaatti mariin taa’amuu ni yaadatama.

Walii galtee uumameen boodas loltoota duraanii karaa qinda’aa ta’een deebisanii dhaabuuf komiishiniin haaromsa biyyaalessaa labsii 525/2015 hundaa’uun hojiin hojjetamaa jira.

Hojiin kunis ijaarsa nageenya biyyaaf gahee guddaa qabaachuu fi sanadni qopha’aa jira.

Kaayyoon Komiishiniin kun hundaa’eef loltoonni duraanii hawaasa waliin jireenya idilee akka jiraatan, hojii misoomaa, nageenyaa fi ijaarsa dimokiraasii keessatti akka hirmaatanif yaadamee ta’uu fi nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuun misooma biyyattii utubuuf ta’uu Komiishinarri Komiishinii haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa himan.

Sagantaa kanaan naannoleen biyyattii 7 kan hammataman yoo ta’u loltoota kuma 200 fi kuma 15 hanga kuma 200 fi kuma 50 ta’an deebisanii dhaabuuf karoorfamuun eerameera.

Hojiirra oolmaansaas abbummaan mootummaa Federaalaa fi naannoon kan hoogganamu yoo ta’u fedhii loltoota duraanii irratti kan hundaa’uu,qaamolee deeggarsa barbaadan maanguddoota, qaama miidhamtoota dubartootaa fi daa’immaniif xiyyeeffannoo kan kennudha jedhan.

Naannoo Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa uumameen hawaasni naannichaa rakkoo dinagdee fi hawaasummaaf saaxilamee jiraachuu Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Mootummaan rakkoo nageenya naannichaa furuuf qaamolee hidhatanii socho’aniif waamichaa taasisuu fi kanaanis jijjiiramni jiraachuu himan.

Qaamoleen hidhatanii jiran kunniin waamicha dhiyaateef fudhachuun karaa nagaan hidhannoo hiikkachaa jiraachuu eeranii ammallee nageenya waaraa fiduuf Komiishinicha waliin qindoominaan akka hojjetamu dubbatan.

Pirezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii gama isaaniitiin rakkoo nageenyaan biyyattiin gatii kaffalaa jiraachuu himuun, ammallee dhimmi nageenyaa dhimma xiyyeeffannoo barbaaduu dubbatan.

Komiishiniin hundaa’e kunis ariitiin hojii eegaluu qaba jedhan. Lalii Girmaatu gabaase.

OBN

Exit mobile version