Site icon ETHIO12.COM

“ABO Shanee waliin mariin Nageenyaa iftaan Taanzaaniyaatti gaggeeffama”

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad uummata Oromoo aaga dhageessisan, ABO Shanee waliin mariin Nageenyaa iftaan Taanzaaniyaatti gaggeeffama jedhan.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad waltajjii galateeffannaa fi beekamtii kennuu qaamolee wal- dhabdee Kaabaa Itiyoophiyaatti mudatee furuuf gumaachaniif qophaa’erratti ergaa dabarsaniiru.

Waggaa lama wal loluurra waggaa 20 mari’achuu wayya jedhan sirnicharratti Dr.Abiyyi.

Waraanni keessa dabarre har’arra geenyee yoo laallu salphaa fakkaata garuu hedduu ulfaataa ture jedhan.

Jibbi ni balleessaa, diigumsaa fi miidhaa fida; jaalalli nageenyaafi misooma fida jedhan.

Waan kaleessaarraa barnoota hedduu baranneera, waraana lallabuurraa nageenya haa labsinu, dhimma waraanaa raayyaa ittisaaf dhiifnee misoomaaf haa tumsinus jechuun dhaamaniiru.

Kanaan booda onneerraa araaramneerra uummata keenya boqochiisuu qabnas jedhan.

Jilli pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah fi pireezidaantota naannoolee hunda hirmaachisees torbee dhufu gara Maqalee imaluun miidhama jiru ilaaluun deeggarsa qindeessa jedhan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.

ABO Shanee waliinis mariin nageenyaa Iftaan akka eegalamu Eeraniiru Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad.

OBN

Exit mobile version