Site icon ETHIO12.COM

Ibsa Humna Waloo Nageenyaarraa Kenname

Humni Waloo Nageenyaa ibsa baaseera.

Humni walichaa humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa naannoo Amaaraatti aangoo naannichaa humnaan qabachuuf socho’an irratti tarkaanfii seeraa keessa deebii hin qabne fudhachaa jiraachuu Eebla 20, 2015 beeksisuu yaadachiiseera.

Humni walichaa tarkaanfii fudhachaa jiruun shakkamtoota gareen qindaa’uun gocha shororkeessummaa raawwachuun argaman 47 meeshaalee waraanaa hedduu waliin to’annoo jala oolchuu ibseera.

Shakkamtoonni kunneen ajjeechaa aanga’oota olaanoo naannoo Amaaraarratti qiyyaafachuun, sirna heera mootummaa humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa to’achuun mootummaa federaalaa humnaan fonqolchuuf biyya keessaafi alatti qindaa’uun gareen osoo socho’anii bira gahamuu eerameera.

Humni walichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen, mootummaan dirree diimookiraasii bal’isuufi qabsoo yaadaaf carraa bal’aa waan kenneefi akkasumas rakkooleen karaa marii akka furamaniif tattaaffii taasiseen hedduun carrichatti fayyadamuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee humnoonni finxaaleyyii uummata Amaaraa bakka hin buune filannoo nageenyaa mootummaa ofirraa dhiibuun deeggartoota isaanii biyyoota alaa jiran waliin ta’uun garee siyaasaa, loltuummaa, intalajansii, miidiyaafi faayinaansii akka hundeessan bira gahamuu humni walichaa ibseera.

Damee siyaasaa, loltummaa, intalajansii, faayinaansiifi miidiyaa garee finxaaleyyii kanaa kan hoogganu nama Dooktar Wandoosan Asaffaa jedhamuun beekamu ta’uu kan eere ibsichi, damicha miseensota diyaaspooraa finxaaleyyii 16 biyyoota garaagaraa jiraatan waliin hidhata uumuun deeggarsa loojistiksiifi maallaqaa taasisuun naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaar irraa eegalee hojii hidhattoota filuu, leenjisuu, hidhachiisuufi bobbaasuu hojjechuun sadarkaa naannoofi federaalaatti jeequmsaafi ajjeechaa akka raawwataniif ergama laachaa akka ture hordoffii fi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.

Kanaaf ammoo ajjeechaan Ballaxaa Shaggaawufi Mihirat Wadaajoo maqaa Mirree Wadaajoo jedhuun beekamuuniifi deeggartoota isaaniin Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaarratti raawwate agarsiistuu ta’uu kaafameera.

Humnoonni finxaaleyyii biyya keessaafi alaa kunneen qindoomina uumaniin kaayyoo badiisaanii raawwachiisuuf aanaalee Amaaraafi kanneen biroo 130 keessatti namoota dhuunfaa 450 qindeessuun hoggantoota uummanni Amaaraa filateefi sadarkaa aangoo garaagaraarra jiran humnaan fonqolchuun hojii caasaa mataasaaniin bakka buusuu osoo hojjetanii hordoffiifi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.

Dabalataanis humna nageenyaa naannichaas hidhattoota mataasaaniin bakka buusuuf qophaa’anii turuu ragaan argame kan mul’isu ta’uu kaafameera.

Dooktar Masfin Hayilamaariyaam, Dooktar Giruum Laaqawufi kanneen biroon biyya alaa taa’uun damee siyaasaa garee finxaaleyyii kana qindeessaa turuu, Antaneeh Birihaan, Warquu Guwaaddeefi kanneen biroon ammo maallaqa biyya keessaafi alaa ergamu fuuchuun ergama shororkeessummaaf akka oolchaniif lakkoofsi herrega baankii akka banameef hordoffiifi qorannoo taasifameen mirkanaa’uu eerameera.

Teewoodiroos Asaffaa dabalatee namoonni biroon sochii shororkeessummaa kanaan shakkamuun to’annaa jala ooluu humni walichaa ibsasaan beeksiseera.

Dameen miidiyaafi hololaa(Pirooppogaandaa) garichaa kan hogganamu Maskaram Abarraa kan jedhamtuun ta’uu kan ibse humni walichaa, gurmaa’insa kana keessatti biyya keessaa namni dhuunfaa Daawwit Bagaashaaw jedhamu alaa ammoo Ityoo 360fi Merrejaa TVrraa Habtaamuu Ayyaaleewu, Minaalaachoo Simaachoo, Biruuk Yibaasiifi Iyyeerusaalam Taklatsaadiq akkasumas Zamadkun Baqqalaafi Lidatuu Ayyaalew miidiyaa Ankar irraa Masaay Mokonnin fi namoonni dhuunfaa biroon miseensota gocha badii kana raawwachiisan ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ibsameera.

Humnoonni finxaaleyyii kunneen oduu sobaa uumuunfi holola shororkeessummaa afarsuun uummata sabaaniifi amantaan qoqqooduuniifi walitti buusuun mootummaa naannoofi federaalaa humnaan fonqolchuuf akkasumas biyyattiin daandii jijjiiramaafi misoomaa eegalte keessaa baatee gara jeequmsaatti akka galtuuf gareen qindaa’anii hojjechaa jiraachuu eerameera.

Humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa gareen gurmaa’uun sobaan biyya diiguuf socho’an kanneen qorannoon shororkeessummaa irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni walichaa ibseera.

Humnoonni shororkeessaa kunneen biyyoota jiraatanii dabarfamanii akka kennamaniifi seeraan akka gaafatamaniif akkaataa waliigaltee dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool akkasumas mootummaafi dhaabbilee nageenyaa biyyoottanii waliin taasifameen hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Humnoonni finxaaleyyii biyya alaa jiraataniifi barbaadaman kunneen qabeenya biyya alaafi keessaa argatan fayyadamuun gocha badii kanaaf oolchaa jiraahuu qorannoon kan bira gahame waan ta’eef hojiin qabeenya isaanii biyya keessaa adda baasuufi seeraan to’achuu hojjetamaa jiraachuu humni walichaa beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaafi sirmna heera mootummaa humnaan diiguun socho’aa turan kunneen humnoota farra nageenyaa tokkummaa Ityoophiyaa hin barbaadne waliin qindaa’uun mootummaa humnaan fonqolchuuf osoo hojjetanii to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Hawaasni qaamolee tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatamu hojii hidhannoo hiikkachiisuun walitti hidhuun burjaajjii uumuuniifi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan irraa akka of eeguufi irratti akka qabsaa’u humni walichaa waamicha dhiyeesseera.

Oppireeshiniin eegalame galma akka gahuuf hawaasni hirmaannaa guddaa taasisaa jiruuf galateeffachuun namoota to’annoo seeraa jala akka oolaniif barbaadamaa jiran bakka jiran akka eeruuf waamicha taasiseera.

Exit mobile version