Site icon ETHIO12.COM

Kutaan Diinagdee Albuudaa Guddina Diinagdee Ityoophiyaaf Abdiidha – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Bara baajataa darbe Warqee Kiiloo Giraama kuma 9 fi 384.284 gabaaf dhiyaaterraa Galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71 ol argamuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksiise. 

Bara baajataa xumurame Warqeen Kiiloo Giraamni Kumni 8 fi 596 mala aadaan, Kiiloo giraamni 788.25 ammoo dhaabbilee oomisha Albuudarratti bobba’aniin oomishamuu Ministeerichi ibseera. 

Warqee alatti ergameerraa Galii Dooraara miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 37 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 71.58 argamuu ibsameera. Gosa Albuudaa biroorraa Doolaara miiliyoona 19 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 10.42 argamuu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

Exit mobile version