Site icon ETHIO12.COM

Waajjirri Simannaa Kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaa Hundaa’e

 Waajjirri Simannaa Kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii Maree biyyaalessaa hundaa’uu ibsameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgaa’ii addaa 2ffaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen labsii Komishinii maree biyyaalessaa hundeessuuf ba’e raggaasiisuun kan yaadatamuudha.

Wixinichi Labsii lakkoofsa 1265/2014 jedhamuun kan moggaafame yoo ta’uu, keewwata 12 muraa 1 jalatti Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bo’uuta Uummataa miseensota komishinichaa Ummataa, Dhaabbilee Siyaasaa fi waldaalee siiviiliirraa akka simatu tumameera.

Akkaataa keewwata labsichaa 13tiin ulaagaaleen Komishinarootaa taa’aniiru.

Haaluma kanaan:-

1.Lammii Ityoophiyaa kan ta’e,

2.Amantaalee fi Sabaaf sablammoota hunda qixaan kan ilaalu,

3.Miseensa Paartii siyaasaa kamiiyyuu kan hin taane,

4.Waliigaltee biyyaalessaaf shoora olaanaa gumaachuu kan danda’u,

5. Namuusa Gaariin kan qabu,

6.Uummata biratti fudhatama kan qabu,

7. Yakka cimaan kan hin himatamne,

8. Hojii Komishinichaa gaggeessuuf ga’umsa kan qabu,

9.Yeroo isaa guutuu komishinichaaf oolchuuf fedhii kan qabu faa ta’uu ibsameera.

Eeruu kana laachuuf:-

• Bilbila Kallattii 0111300340 yookaa 9988
• Lakkoofsa Faaksii 0111233007
• Teessoo E-mail dialoguecommission@gmail.com yookaa
• info@hopr.gov.et akkasumas qaamaan argamuun eeruu laachuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.


Exit mobile version