Loltoonni duraanii hawaasatti makamanii jireenya nagaa akka jiraatan mootummaan kutannoon hojjechaa jira-Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa

Akkaataa waliigaltee nageenyaatiin loltoonni durii hawaasatti makamanii jireenya nagaa akka jiraatan mootummaan kutannoon hojjechaa akka jiru komishinarri komishinii haaromsa biyyaalessaa ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa ibsan.

Qaama hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT mallatteessanii kan ta’e waltajjiin qooda fudhattootaa maree dhimmoota haaromsa biyyaalessaarratti xiyyeeffate har’a Maqaleetti taa’amaa jira.

Maricharratti kan argaman ambaasaaddar Tasoomaan, komishiniin haaromsa biyyaalessaa lakkoofsa danbii mana maree bakka bu’ootaa 525/2015 ‘n hundaa’ee hojii jalqabuusaa dubbataniiru.

Akkaataa waliigaltee nageenyaatiin loltoota hidhannoo hiiksisuu, gara jiddugaleessa tokkootti sassaabuu fi haaromsa barbaachisu raawwachuun ijaarsa nageenyaa, misoomaa fi demokiraasii keessatti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru.

Waraanni ture miidhaa olaanaa kan geessisee fi Itiyoophiyaanonni dhaabbatanii akka ilaalan barumsa kennee kan darbe ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Kanaaf fuula dura “waraanni nugahe jechuu qabna” kan jedhan ambaasaaddar tashoomaan, waltaanee Itiyoophiyaa ijaaruurratti xiyyeeffachuu qabna jedhaniiru.

Mootummaan waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoo hojjechaa akka jiru, hojiin loltoota hidhannoo hiiksisuu fi loltoota hawaasatti makuu akka milkaa’u kutannoon hojjechaa akka jiru kaasaniiru.

Loltoonni duraanii akkuma lammmii kami jireenya tasgabbaa’aa akka jiraatan deeggarsi barbaachisu hundi kan taasifamu yoo ta’u, hojiirra oolmaasaatiif kutannoon namoota siyaasaa fi qooda fudhattoota biroo murteessaadha jedhaniiru.

Loltoonni duraanii humnaa fi beekumsasaaniin misooma ummatasaanii fi biyyasaaniif cimanii hojjechuuf qophaa’uu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

ENA

See also  Pirezidaanti Musxafee Mahaammad miseensota Humna Addaa Naannoosaanii waliin mari’atan.

Leave a Reply