Site icon ETHIO12.COM

Ityoophiyaan Ibsa Liigiin Arabaa Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaa Irratti Baase Kan Hin Fudhanne Ta’uu Ibsite

Ityoophiyaan ibsa Liigiin Arabaa Ijaarsa Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaa fi guutinsaa bishaanii irratti baase kan hin fudhanne ta’uu ibsiteerti.

Ibsa liigichi guyyaa kaleesaa Ijiiptiif looguun baase ilaalchisee Mootummaan Ityoophiyaa ibsa kenneera.

Hojiin ijaarsaa fi guutiinsi bishaanii Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaa biyyoota yaa’a lagicha kan ilaallatu ta’uu eerameera.

Liigichi bu’uura seera Idil Addunyaa kan hin kabajnee fi dubbii himaa biyyaa tokko ta’uun tajaajilaa jiraachuu ibsameera.

Gamtaan Afrikaa qajeeltoo “rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu hordofuun Ityoophiyaa ,Sudaan fi Ijipti walittii fiduuf marii gam-sadeef haala mijjeesa turuu yaadachiisuun, Ijipti gaaffii ofittummaa laga Abbayya irratti kaaftuurraan kan ka’ee marichi harkifachuu addeeffameera.

Mootummaan Ityoophiya adeemsa marii Gamtaa Afrikaan hogganamu kan deeggaru ta’uu ibsameera.

Halumaa kanaan Mootummaan bu’uuraa labsii waliigaltee bara faranjootaa ,Bitootessa 2015 Ityoophiyaa ,Ijiptiifi Sudaan gidduutti mallatteffameen ijaarsaa fi guutiinsa bishaanii kan itti fufu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

FBC

Exit mobile version