Site icon ETHIO12.COM

Paarlaamaawwan Ityoophiyaa Fi Ingiliz Hariiroo Isaanii Caalmaan Cimsuuf Akka Hojjetan Beeksisan

Paarlaamaawwan Ityoophiyaa fi Ingiliz hariiroo gidduu isaanii caalmaan cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Dooktar Diimaa Nagawoo garee jilaa Paarlaamaa Ingiliz waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin biyyoonni lameen hariiroo paarlaamaa fi paarlaamaa dhimmota cimsuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Dursaan Garee Jilaa fi Miseensi Paarlaamaa Ingiliz Roobiin Miilaar, biyyi isaanii paarlaamaa Ityoophiyaa waliin hariiroo qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Fuuldurattis carraa paarlaamaawwan lameen walta’iinsaan hojjetan uumuun hariiroo isaanii caalmaan cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Dooktar Diimaa Nagawoo gama isaaniin, Ityoophiyaa fi Ingiliz michummaa baroota dheeraaf akka qaban dubbataniiru.

Biyyoonni lameen michummaa qaban hariiroo paarlaamaa gidduu isaanii cimsuun sadarkaa caaluutti ceesisuu barbaachisa jedhaniiru.

Kana dhugoomsuufis Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa gahee isaa akka bahatu himuu TOI gabaaseera.

Fana

Exit mobile version