Site icon ETHIO12.COM

Humna Addaa naannoolee deebisne gurmeessina malee ni diigna hinjenne-Jeneraal Ababaawu Taaddasaa

Humna Addaa Naannolee hojiin deebisanii gurmeessuu ammaa kan eegalee miti jedhan, Itaamaajoor Shuumii Itti aanaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.

Jeneraal Ababaawu Taaddasaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin humna addaa deebisani gurmeessuu yeroo dheeraa qoratamaa kan ture malee hojii amma eegale miti jedhan.

Qorannichi, cimina humnoota addaa naannolee kan ilaale ta’us, gurmaa’inni humna addaa hanqinaa akka qabu fi seera qabeessa akka hinturre akeekaniiru.

Heerri mootummaa biyyaa wayita ilaalaamus gurmaa’inichi seera qabeessa akka hintaanee fi heerris beekamtii hinkennu jedhu Jeneraal Ababaawu.

Ijaarsi Humna Addaa, sabummaarratti kan bu’uureffate ta’uu himanii, kun ammoo duudhaa waliin jireenya ummatootaa kan laaffisuudha jedhan.

Daandii furtuu siyaasa biyyattii kan balleessee ta’uu eeruun, kunis “Heeraa mootummaa keenyaan siyaasnii fi humni walfaana hindeeman; kanaafis beekaan siyaasaa yaadaan injifachuu wayita dadhabu ulee biraa qaba jechuudha; humna addaa hidhate ol fudhata” jechuun ibsu.

Qorannichaan humni addaa naannolee sirrii miti erga jedhamee waggoota afur akka lakkoofsise eeraniiru.

“Haaluma kanaan humna kana irra deebiin haa gurmeessinu jedhamee murtaa’e malee haa diigamu, hidhannoo haa hiiksisnu hinjedhamne” jedhan.

Daandiiin ittiin gurmaa’us akkaataa fedhii isaaniitti Raayyaa Ittisaa Biyyaatti, Poolisi Federaalaa fi poolisii idileetti akka makaman kaa’ameera jedhan.

kunis kabaja, haamilee fi faayidaa isaa haala hintuqneen akka raawwatamu sagantaan qabamuu eeraniiru.

“Kun hammeenyaa hinqabu; seera kan qabsiisu; yeroo kan kennineef rakkoo biraan waan tureef” jedhan.

Naannolee hunda haala hirmaachiseen qorannichaarratti yeroo dheeraaf irratti mari’atamee kan murtaa’e ta’uu kaasaniiru.

Qorannoo kana raawwachiisuu kan danda’u koreen biyyaalessaa hundeeffamuu eeranii, kunis kan taasifameef raawwii isaarratti hanqinni akka hinjiraanne yaadamee ta’uu Jeneraal Ababaawu Taaddasaan himaniiru. KRIB

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:\OBN

Exit mobile version