Site icon ETHIO12.COM

Pirezidaanti Musxafee Mahaammad miseensota Humna Addaa Naannoosaanii waliin mari’atan.

Pirezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad miseensota Humna Addaa Naannichaa waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniinis Pirezidaanti Musxafee Mahaammad dhimmoota gurmaa’insaa fi haala qabiinsa humna addaa ilaalchisee hubannoo kennaniiru.

Miseensota humna addaa Naannichaa irra deebiin gurmeessuunis hojii aantummaa uummataa qabaachuun hojjechaa turan akka cimsaniifii jedhan.

Waltajjicharratti Pirezidaanti Musxafee dabalatee Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Nageenya Naannichaa, hooggantoonni humna addaa fi miseensonni humna addaa naannichaa argamaniiru TOI

OBN

Exit mobile version