Site icon ETHIO12.COM

Obbo Ahimad Shiidee, dhaabbileen Ameerikaa Itiyoophiyaa keessatti hojii investimentiirratti akka hirmaatan waamicha dhiheessan.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, dhaabbileen Ameerikaa Itiyoophiyaa keessatti hojii investimentiirratti akka hirmaataniif fooramii Biizinasii Itiyoo- Ameerikaa Waashingitan DC’itti qophaa’erratti waamicha dhiheessan.

Fooramiin Biizinesii Itiyoo-Ameerikaa wal-ta’insa Imbaasii Itiyoophiyaa, Waashingitan DC jiruu fi Korporeetii Mana Maree Afriikaa fi biroo waliin teessoo mootummaa USA kan taate Waashingitan DC’tti qophaa’eera.

Waltajjiin kun dureeyyii jaboo Itiyoophiyaa fi Ameerikaa fi hooggantoota dhaabbilee walitti fiduun dilbii invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argamu seecca’uun adda baaseera.

Waltajjicharratti Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee rifoormiiwwan gama hojii invetimentiin Itiyoophiyaa keessatti taasifaman ibsaniiru.

Itiyoophiyaan nagaa itti fufiinsa qabu, tasgabbii fi misooma dinagdeeshee cimsuuf cichoominaan hojjetaa jiraachuu Obbo Ahimad himaniiru.

Walta’iinsa daldalaa fi invastimantii Itiyoo-Ameerikaas karoora fooramii biizinasii kana dhugoomsuuf akka gumaachu eeraniiru.

Komishinarri komishinii Investimentii Itiyoophiyaa, Lelisee Namee, gamasaaniin carraawwan investimentii miijatoo Itiyoophiyaan qabdu hundarratti hirmaattotaaf ibsaniiru.

USA’tti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa Dr.Injiiner Silashii Baqqalaa dureeyyiin Ameerikaa gara Itiyoophiyaa dhufanii hojiilee investimentiirratti akka hirmaataniif haala kan miijessaniif ta’uu dubbataniiru. Imbaasii Itiyoophiyaa USA jiruurraa odeeffanne.

OBN

Exit mobile version