Site icon ETHIO12.COM

Gamtichi Humnoonni Waraanaa Sudaan Hatattamaan Dhukaasa Akka Dhaabaniif Waamicha Dhiheesse

Gamtichi humnoonni waraanaa Sudaan hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif waamicha dhiheesseera.

Gamtichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, lammiileen Sudaan, bu’uuraalee misoomaa bishaan, elektirikii, fayyaa dabalatee tajaajiloota biroo akka argataniif humnoonni walwaraanaa jiran hatattamaan waraana akka dhaaban gaafateera.

Gamtichi dhukaasaa dhaabuun cinaattis hawaasni idil addunyaa lammiilee Sudaniif deeggarsaa namoomaa akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera.

Komishiniin Gamtaan Afrikaa dhimmichaaf furmaata kennuuf bara faranjootaa Eebla 20, walga’ii idil addunyaa waamuu ibsi baase kan argisiisu.

Gamtaan Afrikaa fi Gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin durfamu, jeequmsa Sudaaniin dabalatee naannawichatti mul’atu dhaabuuf tarkaanfilee Idil Addunyaa akka qindeessu eerameera.

Yaadonni murtee kennaman tarkaanfiiwwan Gamtaa Afrikaan deeggaraman ta’uu ibsameera.Walga’iin raawwii isaarratti xiyyeeffate Komishinii Gamtaa Afrikaatti har’a ni gaggeeffama.

FBC

Exit mobile version