Site icon ETHIO12.COM

Hidhattoonni Godina Matakkal Keessa Socho’aa Turan Waamicha Nagaa Simachuun Deebi’an

Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Danguraa keessa hidhattoonni socho’aa turan waamicha nageenyaa taasifame simachuun deebi’aniiru.

Bulchaan Godina Matakkal Obbo Lammeessaa Waawuyyaa, lammiilee waamichaa nageenyaa mootummaan taasise simachuun jireenya idilee isaaniitti deebi’an galateeffataniiru.

Mootummaan Nageenya lammiilee mirkaneessuu bira darbee naannawichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf, hidhattoonni gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi’an xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Hidhattoota kenneen nagaan akka deebi’aniif Raayyaan Ittisa Biyyaa fi jaarsoliin biyyaa gahee olaanaa bahachuu ragaan komunikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

FANA

Exit mobile version