Site icon ETHIO12.COM

Haroon Wancii naannawa turiizimii ta’uun filatame

Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Turiizimii Adduunyaa 24fa Ispeen, Magaalaa Maadriiditti taa’ameen Haroon Wancii naannawa turiizimii bara 2021 ALA filatamaa ta’uun filatameera.

Harichi mandaroota turiizimii 170 keessaa dursa qabatee filatamuun ibsameera.

Haroon Wancii, naannawa turiizimii filatamaa ta’uun kan filatame qabeenya uumamaa hedduu waan of keessaa qabuuf ta’uu Ministirri Turiizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii himaniiru.

Haroon Wancii, Mandara Turiizimii ta’uun filatamuusaatiin baga gammaddan kan jedhan Ambaasaaddar Naasiseen, qabeenya uumamaa naannawichaa kunuunsuun sadarkaa kanarra akka ga’u kan taasisan jiraattota naannichaafi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf galata dhiyeessaniiru.

Qabeenya uumamichaatiif beekamtii idiladdunyaa akkanaa kennamuunsaa kanneen birootiif fakkeenya akka ta’uufi kana caalaa hojjechuuf kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.

Damee mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kenneef keessaa tokko damee turiizimii ta’uus himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Exit mobile version