Site icon ETHIO12.COM

አዲስ አበባ ኦሮምኛ፣ ሶማሊኛ፣ጋሞኛና ሌሎች ቋንቋዎች የተካተቱበት ስርዓተ ትምህርት እየተዘጋጀላት ነው

በዛሬው እለት በከተማችን አዲስ አበባ ከተለያዩ የህብረተሰብ ክፍሎች ከተውጣጡ ነዋሪዎቻችን ጋር በወቅታዊ የከተማችን ጉዳዮች ዙርያ ፍሬያማ ውይይት አካሂደናል፡፡

በከተማችን በአንዳንድ ትምህርት ቤቶች የኦሮምያ ባንዲራ እና መዝሙር ጋር ተያይዞ ያጋጠሙንን የፀጥታ ማደፍረስ እንቅስቃሴዎች በተመለከተ በዛሬው እለት በግልፅ ተወያይተናል፡፡

እንደሚታወቀው የኦሮሞ ህዝብ በአፋን ኦሮሞ እንማር የሚለው ጥያቄን በለውጡ ዋዜማ (በዘመነ ኢህአዴግ) እና የለውጥ እንቅስቃሴ በወቅቱ ለነበረው ውጥረት ምላሽ እንዲሆን በጥድፊያ የተጀመረ ሲሆን በአጠቃላይ ከተጀመረ በከተማችን 5 ዓመታትን አስቆጥሯል፡፡

በወቅቱም አፋን ኦሮሞ ቋንቋን ለማስተማር ሲፈለግ ለዚህ የሚሆን ስርዓተ ትምህርት የአዲስ አበባ ከተማ ስላልነበራት የአፋን ኦሮሞ ማስተማርያ ስርዓተ ትምህርት ከኦሮምያ ክልል በውሰት የተወሰደ ሲሆን በስርዓተ ትምህርቱ ላይ በተቀመጠው መሰረት በአፋን ኦሮሞ ቋንቋ ትምህርት ሲሰጥ የክልሉ ባንዲራ እንዲሰቀልና የክልላዊ መንግስቱ መዝሙር መዘመርን አያይዞ በአንድ ላይ እንደ ህግ የሚያስቀምጥ በመሆኑ ይህ ሁኔታ ትምህርቱ በሚሰጥባቸው አካባቢዎችም ሁሉ ላለፉት አመታት ሲተገበር ቆይቷል፡፡

ነገር ግን በአንዳንድ አካላት ዛሬ እንደተጀመረ አስመስሎ በማቅረብና የአንድን ክልል ባንዲራና መዝሙር በተለየ ሁኔታ በግድ ለመጫን እንደተደረገ አስመስለው በማቅረብ እየፈጠሩት ያለውን ውዥንብር ትክክል አለመሆኑን በዛሬው ውይይታችን ከህብረተሰቡ ጋር በግልፅ ተማምነናል ፡፡

ሆኖም ይህ አጀንዳ ከአንድ አመት በፊት ለአዲስ አበባ ምክር ቤት በቀረበው ሪፖርት መሰረት አዲስ አበባ አፋን ኦሮሞን ብቻ ሳይሆን በሶማሊኛና ጋሞ ቋንቋም ማስተማር ስለጀመረች እና ተጨማሪ ቋንቋዎችንም ለማስተማር የጀመረችው የስርዓተ ትምህርት ጥናት በመጠናቀቁ፤ ይህ የግጭት አጀንዳ መሆን የለበትም በሚል ቀርቦ ሃሳብም ተሰጥቶበት ነበር፡፡

አሁንም በምክር ቤቱ ላይ ቃል ገብተነው እንደነበረው ለአዲስ አበባ የተዘጋጀውን የቋንቋዎች ስርዓተ ትምህርት ጥናቱ አጥንተን ያጠናቀቅንና ወደ ውሳኔ እየመጣን በመሆኑ ህብረተሰቡ እና የትምህርት ማህበረሰቡ በእርጋታ ከጥፋት ሃይሎች ሴራ ራሱን እየጠበቀ እንዲቆይ ለማሳሰብ እወዳለሁ፡፡

በተለይም አምስት አመታትን የቆየ አጀንዳ ልክ ዛሬ አመራሩ ያመጣው አዲስ ጉዳይ በማስመሰልና ፤አንዱ ብሄር በሌላው ላይ የበላይነት ለማምጣት እየተሰራ እንዳለ በማስመሰል የሚቀርበው ሃሳብ ፤ ፍፁም የተሳሳተና የፅንፈኛና አሸባሪ ሃይሎች ፤ በዚህ አጀንዳ ከተማችንን ለማተራመስ እየሰሩት ያሉት ጉዳይ መሆኑንም ከውይይቱ ተሳታፊዎች ጋር ተስማምተናል፡፡

አሁንም ቢሆን ማንኛውንም አይነት ጥያቄና ሃሳብ በመመካከርና በውይይት እንጂ በሁከትና በትርምስ መሆን እንደሌለበትም መግባባት ላይ ደርሰናል፡፡

በመሆኑም ሰላማዊ የመማር ማስማር ሂደቱ እንዳይስተጓጎልና የከተማችን ዘላቂ ሰላም የማረጋገጥ ግባችን ተጠናክሮ እንዲቀጥል፤ ህብረተሰቡ ከፀጥታ ሃይሎች ጎን በመሆን አስፈላጊውን ድጋፍ በማድረግ እነዚህን የግጭት ነጋዴዎች አጋልጦ የመስጠት ስራ ተጠናክሮ የሚቀጥል መሆን ይኖርበታል፡፡

መንግስትም የህግ የበላይነትን ለማስከበር፤ የዜጎችን ደህንነት ለመጠበቅና የከተማዋን ሰላም ለማረጋገጥ አስፈላጊውን ሁሉ የሚያደርግ መሆኑን ለማሳወቅ እወዳለሁ!!

ውድ ተማሪዎቻችን ለጥያቄው በህጋዊ አካሄድ ምላሽ እንደሚሰጥ አውቃችሁ፤ እስከዛው ድረስ መላው ትኩረታችሁን ሰብስባችሁ ትምህርታችሁ ላይ እንድታደርጉ በትህትና እጠይቃችኋለው።

መንግስታዊ ሃላፊነታችንን የህዝባችንን ስሜትና ፍላጎት መሰረት በማድረግ ሁሉንም ጉዳዮች በቅርበት ከህዝቡ ጋር እየተመካከርን መወጣታችንን እንቀጥላለን!!
አዲስ አበባ በህዝቦቿ የጋራ ትብብር እንደ ስሟ አዲስ ውብና አበባ ትሆናለች!!

የጋራ ቤት በእልህ በፉክክር በመከፋፈል አይገነባም፤ ሁላችንም በጋራ እንቁም ፤የግጭት ነጋዴዎችን ቦታ አንስጣቸው!!

ፈጣሪ ኢትዮጵያንና ህዝቦቿን አብዝቶ ይባርክ!

Guyyaa har’aa magaalaa keenya Finfinneetti jiraattoota qaama hawaasaa garaa garaa keessaa walitti dhufan waliin haala yeroo magaalaa keenyaa marii bu’aa qabeessa taasisneerra.
Magaalaa keenya manneen barnootaa tokko tokko keessatti alaabaa fi faaruu Oromiyaa waliin wal qabatee sochii boora’iinsa nageenyaa numudate ilaalchisee guyyaa ha’aa ifatti irratti mari’anneerra.

Akkuma beekamu Ummanni Oromoo gaafiin “Afaan kiyyaan barachuun qaba’’ jedhu jala bultii jijjiiramaa (bara ADWUI) fi sochiin jijjiiramaa qormaata cimaa yeroo sanaa tureef deebii akka ta’uuf muddamaan kan eegalame wayita ta’u, walumaa gala magaalaa keenyatti erga eegalee waggaa 5 lakkoofsiseera.

Yeroo sanas Afaan Oromoo barsiisuuf wayita barbaadamu sirna barnootaa kanaaf ta’u Magaalaan Finfinnee waan hin qabneef sirni barnoota Afaan Oromoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa ergifannaadhaan kan fudhatame yoota’u, sirna barnootichaa irratti bu’uura taa’een Afaan Oromootiin barnootni wayita kennamu Alaabaan Naannichaa akka fannifamuu fi faaruun naannichaatis faarfamuu akka qabu wal qabsiisee kan kaa’u waan ta’eef haalli iddoowwan barnootni itti kennamu hundatti hojiirra oolaa tureera.

Haata’u malee, qaamolii tokko tokkoon akka waan har’a jalqabamee fakkeessanii dhiyeessuu fi alaabaa fi faaruu naannoo tokkoo bifa adda ta’een dirqamaan waan barattoota irratti fe’ame fakkeessuun dhiyeessanii burjaajjii uumaa jiran sirrii akka hin ta’in marii keenya har’aatiin hawaasa waliin iftoominaan irratti walii galleerra.

Ta’ullee ajandaa kana waggaa tokko dura bu’uura gabaasa mana maree finfinneetiif dhiyaateen Finfinneen Afaan Oromoo qofa osoo hintaane Afaanoota Sumaalee fi Gaamootiin barsiisuu waan eegalteefi Afaanoota birootis dabalataan barsiisuuf qorannoon sirna barnootaa eegalte waan xumurameef kuni ajandaa walitti bu’iinsaa ta’uu hin qabu haala jedhuun dhiyaatee yaannis itti kennamee ture.

Ammas akkuma mana mariichaa irratti waadaa galle sirna barnoota afaanotaa Finfinneef qophaa’e qo’annoo’icha qorannee kan xumurreefi gara murteetti dhufaa waan jirruuf ummannii fi hawaasni barnootaa tasgabbiidhaan shira humnoota badii irraa of eeggachaa akka turu akeekkachiisuun barbaada.

Keessattuu ajandaa waggoota shan ture waan hogganbsi har’a fideefi ajandaa haaraa fakkeessuun sabni tokko kan biraa irratti olaantummaa fiduuf waan hojjatamaa jiru fakkeessuun yaadni dhiyaatu, gonkumaa dogoggoraa fi yaada mankaraarsitootaa fi shororkeessitootaa; ajandaa kanaan magaalaa keenya jeequuf dhimma irratti hojjachaa jiran akka ta’es hirmaattoota marii har’aa waliin irratti waliif galleerra.
Ammas taanaan yaadaa fi gaafii kamiiyyuu mariidhaanb malee jeequmsaa fi gaaga’uumsaan ta’uu akka hin qabne walii galteerra geenyeerra.

Waan ta’eefis, adeemsi baruu fi barsiisuu nageenya qabu akka hin gufannee fi galmi nageenya itti fufiinsa qabu magaalaa keenyaatti mirkaneessuu cimee akka itti fufu hawaasichi qaamolii nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasisuun daldaltoota walitti bu’iinsaa kanneen saaxiluun hojii dabarsee laachuu kan itti fufu ta’uutu irra jiraata.

Mootummaanis olaantummaa seeraa kabichisiisuuf nageenya lammiilee eegsisuu fi nageenya magaalattii mirkaneessuuf waan barbaachisu hundaa kan taasisu akka ta’e beeksisuun barbaada.

Jaalatamtoota barattoota keenya gaafichaaf adeemsa seerra qabeessa ta’een deebiin kan kennamu ta’uu bartanii hagasitti xiyyeeffannoo keessan hunda walitti qabattanii barnoota keessanirra akka oolchitan kabajaanin isin gaafadha.

Miiraafi fedhii ummata keenyaa bu’uura godhachuun dhimmoota hundumaa itti dhiyeenyaan ummata waliin mari’achaa Itti gaafatamummaa Mootummaa nurra jiru bahuu keenya kan itti fufnu ta’a!!
Finfinneen walta’iinsa waloo ummata isheetiin akkuma maqaashee miidhagduu fi lalistuu nitaati!!

Manni waliinii xiiqii, waldorgommii fi walqoqqooduun hin ijaaramu; hundi keenyayyuu waliin haa dhaabbannu. Daldaltoota walitti bu’iinsaa bakka laachufii hin qabnu!

9Waaqni Itiyoophiyaa fi ummata ishee baay’isee yaa eebbisu!!

Adanech Abebe

Exit mobile version