Jilli Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa pirojektii Ikkoo turizimii Dandii Wancii daawwateera.
Ijaarsi pirojektichaa haala karoorfameen raawwatamaa jiraachuufi xumuraaf gahuunis eerameera.
Pirojektiin ikkoo turizimii Dandii Wancii faaya uumamaa misoomsuun iddoo hawwata tuurizimii guddaa uumuun cinatti, jiraattota naannawaa sanaa gama garaa garaan akka fayyadu abdatameera.

Pirojektii guddaan Haroo Wancii Dandii qaama inisheetiivii misooma hawwata turizimii ‘Maaddiin Biyyaaf Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin labsamuun hojiirra oolaa jiru dha.
Pirojektiin hawwata uumamaarratti faaya namaan dabaalame kun yeroo dhiyootti akka xumuramus eerameera.
Daawwannaa pirojektii misooma haroo Dandii Wancii kanarratti pirezidaati Shimallis Abdiisaa dabalatee, Sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaa kilaastera hawwaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluufi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Dr. Abrhaam Balaay argamaniiru.
OBN