Konkolaattoonni Baajaajii Yeroo Dhiyootti Gara Hojiitti Ni Deebi’u – BGMF

 Konkolaattoonni Baajaajii yeroo dhiyootti gara hojiitti kan deebi’an ta’uu Biiroon Geejiibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi tajaajila konkolaattoota Baajaajii ilaalchisee ibsa laateera.

Bulchiinsi magaalichaa tajaajila kenniinsa Baajaajii fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu fi fayyadamtoonni hojmaanni tajaajila isaanii sirrachuun hanga hojii eegalanitti obsaan akka eegan Hogganaan Biiroo Geejjibaa magaalaa Finfinnee Obbo Mitikkuu Asmaareen hubachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa baajaajota kanneen hojiitti galchuuf tattaaffii taasiseen Baajaajiwwan kumni 9 fi 950 waldaalee 123n gurmaa’uun kutaalee magaalootaa 8 keessatti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hedduun isaanii garuu osoo hin galmaa’iin hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa hojmaata sirreessuu qabu erga sirreessee yeroo dhiyootti baajaajonni kunneen gara tajaajila laachuutti kan deebi’an ta’uu ObboMitikkuun himaniiru.

Guraandhala 30,2015 irraa eegalee konkolaattoonni Baajaajii iddoo kamittuu yeroo hin murtoofneef tajaajila akka hin laanne dhorkamuun kan yaadatamuudha.

Maddi :- DhPI FBC news

See also  M.M.M.W Ariifachiisaa 2ffaa Gaggeesseen  Turtiin Labsii Yeroo Ariifachiisaa Akka Gabaabbatu Murtoo Dabarse

Leave a Reply